Maastar Pilaanii Finfinnee: 'Gaafasuu hin taane har'a dhiisaatii'

Taakkalaa Uumaa bulchiinsa magaala Liyoon waliin waliigaltee waliin hojjechuu yoo mallatteessa

Madda suuraa, Waajira kantiibaa magaala Finfinnee

Yaadni 'Mastar Pilaaniin Qinda'aan magaalaa Finfinnee' hojiitti hiikamuufi jedhamuun oduun odeeffamu kijiba ta'uu kantiibaan magaala Finfinnee Taakkalaa Uumaa himan.

Torban darbe Kantibaa Itti aanaan magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa daawwannaa hojiif gara Fraans imalanii magaalaa Liyoon waliin hojjechuuf waliigaltee walii mallatteesanii ture.

''Karoora Maaster Pilaanii Qindaa'aa magaalaa Finfinnee'' waggoota dura hojiirra olchuuf karoorfame mormii guddaan Oromiyaa keessatti isa mudate keessatti Muuxannoo fi deeggarsi magaala Liyoonirraa akka fudhatame haasa'amaa ture.

Waliigalteen haaraa Injinara Taakkalaan mallateessan Mastar Pilaanii kana hojiirra olchuufi kan jedhus miidiyaa hawaasummarratti deddebi'a tureera.

Injinar Taakkalaa Uumaa fuula feesbuukii isaaniirratti dhimma kana ilaalchisee yoo barreessan ''gaafasuu hin taanee har'a dhiisaatii'' jechuun wanti odeeffamu kijiba ta'uu beeksisan.

''Karoora Maaster Pilaanii waggaa muraasa dura dhiiga ijoollee oromootiin fashalaa'e oduudhaan ( ololaan) iddoo awwaalamee kaasuuf yeroo keessan hin fixiina; gaafasuu hin taane har'a dhiisaatii.''

Waajirri kantiibaa magaalaa Finfinnees fuula feesbuukii isaarratti barreefama Afaan Oromoofi Amaaraan dhimma kana ilaalchisee baaseen, ''Bulchiisni Magaalaa Finfinnee Maaster pilaanii haaraa baasuf, Kutaa magaalaa lakkoofsan baay'isuufi'' jedhamuun soba jedheera.

Wanti Miidiyaa hawaasummaarratti odeeffamu kun olola dhugummaa hin qabneedhas jedheera.

Bulchiinsi magaalichaa caaseffama magaalaa haraas ta'u, master pilaanii hojiitti hiikuuf yaada akka hin qabne naa beekaas jedheera.

Bulchiinsi magaalaa kana haa jedhu malee rogeeyyiin miidiyaa hawaasummaa gubbaatti ragaalee mootummaan yaada Maastar Pilaanii duraa keessa turan karaa biraan hojiitti hiikuuf isa karoora qopheesse harkaa qabna jedhu.

Xiinxalaan Siyaasaa Jawaara Mohaammad caaseffamni haaraan qophaa'e ija shakkiin kan ilaalamuu qabuudhaa jedheera.

Yaada Jawaar Mohammad

Madda suuraa, Jawaar Mohaammad

Injinar Taakkalaa Uumaa si'a lammataaf barreefama fuula miidiyaa hawaasaa fayyadaman irratti maxxansaniin ragaaleen miidiyaa hawaasummaarrati namootni qooddachaa jiran lamaanuu ''ragaa sobati'' jedhan.

Yaada Taakkalaa Uumaa dhimma Maastar Pilaanii Finfinneen walqabatee barreessan

Madda suuraa, Takele Uma

Maastar Pilaanii Qindaa'aa magaalaa Finfinnee kan godinoota addaa naannawaa sanii fi kaanis of jala galchuuf kaayyefatee ture dhaabsisuuf guutuu Oroomiyaatti mormiin bara 2016 kan eegale yommuu ta'u, kanaanis lubbuun namoota hedduu darbeera.

Hooggantoota OPDO yeroo sanatti sagantaa kana morman keessaa Inijnar Taakkalaa Uumaa adda duree turan.