Daandiin qilleensaa Niwu Zilaand balfa gatamu hir'isuuf shiinii bunaa nyaatamu yaala jira

Madda suuraa, Air New Zealand
Daandiin Qilleensaa Biyaalessaa Niwu Zilaand shiinii bunaa nyaatamu tolchuuf yaaliirra jira. Kunis xiyyaaraan wayita imalamu kosiin gatamu akka hin baayyanne hiri'suuf jedha.
Shiinii bunaa kanaa dhaabbata biyyatti 'Twiice' jedhamutu biskuutii dhamdhama Vaanillaa qaburraa tolcha. Amma shiiniin kun 'bishaan hin yaasuu/ hin dhimmisu.'
Daadiin qilleensa kun waggaa tokko keessatti shiinii bunaa miliyoona saddeetitti dhimma baha. Shiiniin lakkoofsa hanga kanaa waggaatti balfa ta'ee gatamuun kan isa yaachise Daandiin Xiyaaraa kun kan hir'isuuf fala ta'a kan jedhe hojjechaa jira.
Namoonni muraasni garuu, shiinii jijjiruu qofti faalama naannoo hir'isuudhaaf tarkaanfii quubsaa mitii jechuun qeequ.
Ibsa baaseen Daandiin Qilleensaa Niiwuu Ziilaand kun shiiniin bunaa kun akka qaama carraaqqii isaa "karaa rakkoo walitti fufinsaan uumamuu malu fala barbaaduutti" fudhachuun "qilleensaafi lafarrattillee" yaalii gaggeessuu himeera.
''Maamiltoota keenya fayyadaman biratti shiiniin kun jaallatameera nutis shiiniiwwan kana akka soora si'eessituutti gargaaraman."
Jeemsi Kaash Moor namticha jedhamutu dhaabbata shiinii kana oomishu hundeesse. Akka namtichi jedhutti, naannoorratti fayidaa gaarii qabaachuun isaa mirkana'aadha.
Biyya UK keessatti shiinii biliyoona 2.5tti tilmaamutu waggaa tokko keessaatti gatama. Isaa keessaammoo harka 0.25 hin caalletu irra deebiin fayidaaf oola.
Daandiin Qilleensaa Niwu Zilaand yaaliin shiinii nyaatamuu irratti gaggeessu kun shiinii waraqaafi boqqollorraa tolfamuu xiyyaaronni hundii itti fayyadaman bakka bu'uuf jira.
Namoonni midiyaalee hawaasaa fayyadamaa jiran muraasni daandiin qilleensaa kun naannoo kunuunsuu yoo barbaade shiini qofa jijjiruu hin qabu jedhu.
Balaliin xiyyaaraa boba'aa gubuun gaazii ho'aa qilleensaa addunyaaf yaaddoo uumaan baqqaana qilleensaatti gadhiisa.














