Maatii Daach: Ijoolleen himannaa abbaasaanirratti baname irratti wal-falman

Madda suuraa, EPA
Ijoolleen abbaa isaanii kan 'dhuufaatii Goftaa' eegganna jechuun waggaa sagaliif kutaa icciitii keessa isaan dhoksee irratti himannaa banameerratti falmii kaasaniiru.
Mucaa hanga kan ta'e Gerrit, to'annnoo jala ooluusaa yoo deeggaru, obbolaawwan quxusuu shan immoo qorannoo taasifamuuf jiru irratti walii hin galle.
Nama maqaansaa Van D jedhamu kanas himannaan miidhaa saalaa irratti banamu Kamise barameera.
Poolisiin ijoollee naannoo lafa qonnaatti adda baafamanii jiraatan jaha araddaa Ruinerwold jedhamutti kan arge baatii tokko dura ture.
Seenaa maatii kanaas wayita mucaa angafaafi kan umuriinsaa waggaa 25 ta'u Jaan, gara mana dhugaatii dhiyeenyaatti argamuu deemuun akka gargaarsi taasifamuuf hojjataa mana dhugaatiitti erga himeen booda ture.
Namni Mr Van D jedhamu kunis Onkololeessaa erga aggeessi lammii Awustiraaliyaa mana itti kiressee tokko to'annaa jala olfameen sa'aatiiwwan muraasa keessatti ture.
Jarri lamaan kunneenis ilaalcha amantaa hundeessuun ijoollee fedhii isaanii malee to'annoo jala olchuu poolisiin ni hima.
Qorannoon ragaa qacceen sanyii Van D akka mulliseettis, namtichi abbaa ijoolleen jahan kanneenii akka ta'e mirkaneessa. Haati isaanis bara 2004'tti kan duute ta'u ibseera ragaan abukaatoo.
Namni kuni maatiisaa hawaasarrra qoodee gara lafa qonnaatti osoo hingeessin dura, ijolleesaa hangafaa lamaan irratti miidhaa saalaa raawwataa akka ture qorrannoon abukaatoo mulliseera.
Abukaatoon Van D's himannaa kanarratti ganaa deebii yoo kennuu baateyyuu, maamilli isaa dhiibbaa aggoota dheeraan dura dhiigaa cimaadhaan mudachu himeera.

Madda suuraa, Getty Images
Van D maallaqa seeraan ala daddabarsuu, ijoollee bilisummaa dhorkuufi ijoollee kunuunsa dhorkuun himatamaniiru.
Nama mana naannoo lafa qonnaa kireesseef waliin tahuunis, nama lammii Awuustiraaliyaa taheefi magaalaa Meppel jedhamtutti waliin bara 2009'tti uggura maatii kanaatiin shakkamaniiru.
Shakkamtoonni kunneen hanga beellama ittaanutti mana hidhaa turu.
Ijoolleen maal jedhan?
Kanneen lafa dhoksaa sana keessa waggoottan salganiif hin jiraanne dabalatee, ijoolleen hangafaa afur himannaa yakkaa kana gutummaan deegaru.
Ijoolleen abbaan isaanii akka qorataman deegaran kunneenis ilma angafa manichaa dursee bahuun deegarsi akka taasifamuuf gaafate Jaan fi kanneen achi hinturree sadiidha.
Isaaniis erga gabaasni ifa taasifamee gadi baannee dubbisaa hubanneen booda deebii kennuun diriqama nutti ta'eera jedhaniiru.
Dhimmichi ifa akka ta'u barbaadina. Maatiin keenya akka walitti deebi'an barbaanna yoo jedhan, obbolaan quxisuun shan immoo ''abbaan keenyi himatamu hinqabu'' jedhu.
Naannoo jiraanutu geeddarame malee jireenyi keenyi hin geeddaramne maatii keenya gidduutti garaagarummaan akkanaa uumamuunsaa nu gaddisiisa, jedhan
Oduun kuni akkamitti tamsa'e?
Dargaggoo ganna 25 kan tahe Jaan magaalaa Ruinerwold irraa dhugatii akka biru ergame
Dubbii kana abbaan mana dhugaatii poolisitti yoo himu, Jaan mana barumsaa akka hin galleefi baqachuuf gargaarsa akka barbaadu dubbate

Madda suuraa, EPA
Ergasii poolisiin iddoo obbolaan Jaan jiraatan deemuun, ijoollee dabalatee abbaafi namicha lammii Awustiraaliyaa tahe argatan.
Ijoolleenis Van D abbaa isaanii tahuu battaluma sanatti dubbatan. Boodarra immoo warri hangafaa sadeen ijoollee dhiigaa tahuutu barame.
Qarshiin lakkoofsa guddaa qabus mana naannoo lafa qonnaa kanaatti argameera.
Poolisiin ibsa Onkololeessa keessa baaseen, haalli jireenyaa namoota naannoo sanaa waan amantii waliin wal qabatu qaba yoo taheef qorachaan ture jedheera.
Akka gabaasa miidiyaalee Daachiitti namni Ostriyaa mana achitti kireefate karaa Waldaa amantii Unification jedhamuun akka wal-bara Kooriyaa Kibbaatti akka wal baran himu
Obboleessi mana kireefatee achi jiraatu Josef B's ''Yasuu irra anatu wayya'' jedhee yaada ture jechuun miidiyaa naannichaatii himeera.
Dubbii himaan waldaa Unification immoo Van D bara 1987 waldicha gadhiise jedheera.
Durbiin isaa immoo yeroo tokko ''yaada maraataa tokko fide jeennaa namni isa fudhatu hin turre'' eragsii achi buuteesaa hin barree jedhan.
Dubbii himaan waldichaa Koetsier immoo bara 1980 yeroo wal beeknu namicha nama sirna amantii raawwatu dha. Haa tahu malee biyyaa bahanii qofaattii jiraachuun barsiisa keenya keessa hin jiru jedhan.
Jiraatonni magaalaa dhalootasaa immoo Kooriyaa Kaabaa akka jiruufi boodarra Jarman galuun haadha ijoolleesaa akka fuudhe dha kan beekan.












