Ministirri Haajaa Alaa Tarkii Maakiroon shororkeessaa deeggara jedhe

Turkish Foreign Minister Mevlut Cavusoglu at a press conference in Ankara, 28 November 2019

Madda suuraa, EPA

Ministirri Haajaa Alaa Tarkii Pirezidaantii Faransaayi Emaanu'el Maakroon ''shororkeessaa deeggara'' jechuun himateera.

Mevlut Cavusoglu gaazexessitootatti akka himaniitti, Obbo Maakiroon ogganaa Awurooppaa ta'u barbaada garuu tasgabbii dhabsiisuuf socho'a,'' jedhaniiru.

Baatii darbe keessa Mr Maakroon qondaaltoonni Humnoota Dimokiraatawa Siriyaa Kurdishiin ogganamu (SDF) simachuun tarkii aarsee ture.

Garee kunis qaama kan Tarkiin akka shororkeessaatti ilaaltuuti.

Waldhabdeen tarkiifi faransaay jidduutti umamee kunis yaa'ii Nato Landaniin dura tokkoon dura ture.

Kamisee kaleessaa ammoo, Obbo Maakiroon ejjannoo isaa kan kana dura baatiiwwan sadiin dura jedhe, Naton 'sammuun kan du'e'' akka ejjatu hima.

Miseensoonni walta'insichaa ''waamicha dammaqsuu'' barbaadu sababii dhimmoota hedduurratti waliigalaa hinjirreeffu.

Kana maless badiinsa waraanaa Tarkiin Kaaba Siriyaa keesssatti raawwateef deebii kennuu dhabusaatiin Makiroon Nato qeeqeersa.

Kaavusogluu maal jedhee?

Mr Kaavusogluun Kamisa gaazexessitootaa paarilamaa keesstti wayita himaniitti: ''Maakiroon deegaraa dhaabbata shororkeessaati.

Walitti fufiinsaan Elyseetti isan walitti qaba. Yoo sharikoonni isaa dhaabbata shororkeessaadha jedhe,... dhugaatti wanti kana caalaa taasifamu danda'amu hinjiraatu.

''Ammmaan tanas, Maakiroon Awurooppaa keessatti ogganaa ta'uuf yaalaa jira. Garuu oggansi umamaan kan dhufuudha.''

Tarkiin wayita Maakiroon Paarsii keessatti Onkololeessa 8 dubbii himaa SDF Jihaane Ahmad waliin marii taasiseetti aaruu eegalte.

Wajjirri Mr Maakiroon akka jedheetti, walgahichis Faransaayii waraana garee Motummaa Isilaamaa irratti taasisuun deeeggarsa SDF qabdu mullisuudha jedheera.

Turkish and Russian troops are seen after they completed the eighth round of joint ground patrols in northern Syria. 18 Nov 2019

Madda suuraa, Getty Images/TURKISH DEFENSE MINISTRY

Guyyaadhaan booda, tarkiin maqaa milishoota Kurdish qulqulleessuun 'godina nagaa' qopheessuu jedhuun kaaba Siriyaatti waraana labsite.

Walitti dhufeenyi tarkiifi jaalleewwan Nato isaa erga jalqaba bara kanaa warraanni misaa'eelota S-400 kan Raashiyaan omishameetiin marsuu eegalee kaasee baayyee walitti dhufenysaanii dadhabaa adeemeera.

Jens Stoltenberg and Emmanuel Macron - 28 November

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mr Makiroon (M) kan Mr Sttoltenberg (B) waliin jiruus balleessaa raawwatteef tarkii gaafachu dide jechuun Nato qeeqeera

Maakiroon Naton maaliif akka ejjateefi michoonni isaa ejjannoo faallaa maalii akka qaban ifa taasisu qabaata jedheera. itti dabaluunis raashiyaafi Chaayinaan diina jedhamu walii hingaluus jedheera.