Hookkara Siiriyaa: Boba'aa Siiriyaa eenyutu harkaa qabaa?

Buufata oomisha boba'aa naannawa Hasakah daangaa Siiriyaa fi Tarkii

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp hamma loltoonni isaanii Siiriyaa keessa jiranitti galii boba'aa Siiriyaa irraa argamu miiliyoonotaan fayyadamuu akka qaban dubbatan.

Pirezidaantiin Siiriyaa Bashaar al-Asaad ammoo Ameerikaan qabeenya boba'aa biyyasaanii fi kan Raashiyaa saamaa jirti jechuun komatan.

Ameerikaan ''saamicha biyyoota addunyaa irratti gaggeessaa jirti'' jechuunis dubbatan.

Kanaafuu yeroo ammaa qabeenya boba'aa Siiriyaa eenyutu harkaa qaba? eenyutu irraa fayyadamaa jira?

Biyyoonni gurguddoon addunyaa boba'aa Siiriyaa to'achuuf wal dorgmu

Loltoonni Ameerikaa buufata boba'aa eeguuf siriyaa keessatti hafan

Madda suuraa, Getty Images

Ameerikaan Onkoloolessa darbe loltoota ishee Siiriyaa keessaa baasuuf turte. Garuu loltoota 500 akka qabeenya boba'aa eeganiif hambiste.

Iddoon qabeenya boba'aa loltoonni Ameerikaa akka eeganiif ramadaman daangaa Tarkiitti siqee naannawa warri Kurdii buufatanii jiraniidha.

Bakka kanatti gareen Kurdi buufata boba'aarraa akkaan fayyadamu.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarki Espar loltoonni biyyattii kan Siiriyaa jiraniif garee IS waraanuu qofaaf osoo hin taane mootummaa Siiriyaa fi Raashiyaa dura dhaabbachuufillee akka ta'e dubbatan.

Humni waraanaa Raashiyaa gamasaatiin mootummaan Siiriyaa qabeenya boba'aasaa deebisee akka harkasaa galfatuuf gargaaraa jira.

Biyyoonni lameen damee annniisaa irratti waliin hojjechuuf bara 2018 magaalaa Moskoo keessatti walii galtee mallatteessanii turan.

Walii galteen sun Moskoon akka feetetti misooma boba'aa Siiriyaa keessatti akka hirmaattuuf mirga kenneeraafi.

Kanarraa ka'uunidha Pirezidaanti Tiraamp buufataalee boba'aa loltoonni isaanii eegaa jiran irraa gara caalu fayyadamuuf kan murteessan.

Qabeenyi boba'aa Siiriyaa hagam?

Boba'aa fi gaaziin lafee dugdaa diinagdee mootummaa Siiriyaati.

Galiin damee kanarraa biyyattiin argattu garuu kan biyyoota Baha Giddu Galeessaa boba'aa oomishanirra hedduu gadi bu'aadha.

Bara 2018 keessa Siiriyaan boba'aa baarmeelii biiliyoona 2.5 kuusaa keessaa qabdi turte. Sa'uudiin biiliyoona 297, Iraan biiliyoona 155, Iraaq biiliyoona 147.

Buufataaleen oomisha biyyattii irra caalaan kaabaa fi baha biyyattii keessatti argamu.

Garuu erga bara 2011 biyyattiin hookkara keessa seentee asi, oomishi boba'aa ishee akkaan hir'ateera.

Bara 2008 Siiriyaan guyyaatti boba'aa baarmeelii 406,000 oomishaa turte.

Bara 2011 oomishi kun guyyaatti baarmeelii 353,00tti hir'ate.

Bara 2018 ammoo 24,000tti hir'ateera, kana jechuun dhibbeentaa 90n gadi bu'eera jechuudha.

Qabeenyi boba'aa Damaaskas harkaa ba'e

Erga biyyattiin goolama siyaasaa keessa galtee as mormitoonni mootummaa biyyattii qabeenya boba'aa hedduu harkatti galfataniiru.

Bara 2014tti gartuun IS qabeenya boba'aa baha biyyattiitti argamu dhuunfate.

Gartuu IS ofiin jedhuuf galiin boba'aa akka lafee dugdaatti fayyadaa ture.

Bara 2015 keessa IS waggaatti doolaara Ameerikaa miiliyoona 40 galii boba'aarraa argachaa ture.

Mootummaan Ameerikaa garee Kurdii kanneen mootummaa Siiriyaatiin morkan wayita deggaruu eegalu IS harkaa qabeenyi boba'aa fudhatame.

Ameerikaanis maqaa warra Kurdiitiin boba'aa dhuunfachuu eegalte.

Haala kanaan Damsakaas harkaa qabeenyi boba'aa ba'eera.

Gareen Kurdii ammallee qabeenya boba'aarraa fayyadamaa jiru

Gareen Kurdii kaaba baha biyyattii keessatti bara 2017 irraa kaasee garee IS harkaa qabeenya boba'aa fudhateera.

Ergasii gareen kun iddoowwan oomisha boba'aa sababa waraanaatiin barbadaa'an deebisee haaromsuun itti fayyadamuu eegale.

Gargaaraan Ministeera Ittisaa Ameerikaa Jonataan Hofmaan, galiin qabeenya boba'aa irraa argamu kallattiidhaan gara Ameerikaa seena osoo hin taane garee Kurdiitu itti fayyadamaa jiru jedhan.

Buufata oomisha boba'aa Kaaba Baha Siriyaa , naannawa Hasakeh

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaanti Bashaar al-Asaad qabeenya boba'aa isaaniitti fayyadamuuf humna dhabaniiru.

Kanarratti dabalataan qoqqobbiin Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa biyyattiirra kaa'an Siiriyaa yaaddoo keessa galchaniiru.

Biyyi yeroo tokko oomisha boba'aan beekamaa turte amma biyyoota alaarraa boba'aa gara biyyashee galchuuf dirqamteetti