Aanga'oonni siyaasaa Awustiraaliyaa Chaayinaarraa ittifaman

Aaga'oota siyaasaa Awustiraaliyaa Chaayinaa seenuu dhorkaman, James Paterson, bitaa, fi Andrew Hastie, mirga,

Madda suuraa, Getty Images/Liberal Party

Ibsa waa'ee suuraa, Aaga'oota siyaasaa Awustiraaliyaa Chaayinaa seenuu dhorkaman, James Paterson, bitaa, fi Andrew Hastie, mirga,

Aanga'oonni siyaasaa Awustiraaliyaa lama kanneen Chaayinaa seenuu dhorkaman biyyattii qeequurraa duubatti akka hin jenne dubbatan.

Qondaaltonni kunneen 'Andrew Hastie fi James Paterson' jedhamu, lamaan isaaniiyyuu aanga'oota mootummaa Awustiraaliyaati.

Qondaaltonni mootummaa lameen kunneen ji'a dhufurraa eegalanii daawwannaa hojiif gara Chaayinaa imaluuf turan.

Garuu Chaayinaan viizaa dhowwatteen.

Imaabsiin Chaayinaa akka jedhutti qondaaltonni kunneen Chaayinaa daawwachuu kan danda'an biyyattii qeequu dhiisanii fi yaada qeequmsaa kanaan duraatti yoo gaabban qofaadha.

Aanga'oonni mootummaa lameen Kaanbeeraa keessatti yaada kennaniin yaada Imbaasiin Chaayinaa qabu kuffisaniiru.

Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Scott Morrison ''qondaaltonni lameen yaada cimaa fi madaalawaa ta'e kennan. Chaayinaan viizaa dhowwachuunshee baay'ee nama aarsa'' jedhan.

Aanga'oonni siyaasaa Chaayinaa seenuu dhorkamana kunneen yeroo dheeraaf siyaasaa Chaayinaa qeeqaa, dhiittaa mirga namoomaa Chaayinaa keessa jiru saaxilaa fi Chaayinaan siyaasa Awustiraaliyaa keessa seenuushee mormaa yoona ga'an.

Dubbi himaan Imbasii Chaayinaa erga qondaaltonni siyaasaa Awustiraaliyaa lameen visa dhorkamanii yaada kennaniin '' Biyyi keenya namoota ragaa malee nu qeeqan, kanneen haleellaa jechaa nurratti banan hin simattu'' jedhan.

''Aanga'oonni kunneen yaada qeequmsaa kennanitti gaabbanii hin sirreessan taanaan karaan cufaadha. Yoo dogoggorasaanii amananii sirreesan garuu balballi keenya banaadha''