'Faashiniin Damboobaa' dubartoota hedduun jaallatamaa jiru kami?

Dubartoota faasshinii damboobaa uffatan

Madda suuraa, Jodie Marriott-Baker / Asha Mohamud

Ibsa waa'ee suuraa, Jodii Maariyoot-Beekar [Bitaa] fi Aashaa Mohaammud [mirga]

Waandaboo hanga koronyootti dheeratu, surree babal'aa...

Kun 'faashinii damboobaa' ta'edha.

Jechama kana dhageessanii hin beektan yoo ta'e, kun haala ammayaa'een uffannaa qaama guutessa ta'e uffachuu jechuudha.

Karaa ammayaa'ee damboobaa ta'een uffachuun shamarran Musliimaa birratti kan beekame yoo ta'eyyu uffannaan kun kan amantaa kamiinuu daangeeffame miti.

Ammammoo caalaatti beekamaa jira.

Maxxansa Instagram irra dabri, 1
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram, 1

Presentational white space

"Faashiniin damboobaa caalaatti hirmaachisaa ta'aa jira," jechuun shamarreen ganna 21, biloogariifi moodeelii taatee Inistaagiraamii [Instagram] gubbaarratti hordoftoota 27,000 qabdu, Aashaa Mohaammud ni dubbatti.

"Akka ani yaadutti amma dubartoonni dhiraaf bareeduuf hin uffatan - ofiif bareeduuf malee," jechuun BBC Newsbeat'tti himteetti.

"Kana booda uffannaa harma ol dhiibu caalaa - uffannaa gutuu ta'uu danda'a".

Maxxansa Instagram irra dabri, 2
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram, 2

Presentational white space

Biloogariin faashinii Jodii Maariyoot-Beekar miidiyaa hawaassummaafi yaadotiin geddaramaa jiraachuun namooti maqaa fashiiniin uffannaa qaamaa hin mul'isne jallaachaa akka dhufaniif sababa ta'eera.

"Kana booda akka fashiinii namooti dullooman uffatanitti hin ilaalamu," jetti.

"Rogeessoti faashiinii Inastagiraamiirra jiran uffanaa toluu fi eenyuyyu uffachuu danda'u akka ta'e agarsiisaniiru."

Dubartii uffanaa dombobaa uffattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Presentational white space

Geeddaramsa kana biloogaroota qofaammo miti.

Akka gabaasaa daldalaatti maamiloonni suuqii biyya Biriteen damee heddu qabu 'John Lewis', uffannaa " garmalee nama qabuufi nama dhiphisurra" uffannaa "dheerina qabuufi dhaqnatti hin maxxanne" filachaa jiru.

Kun suuqii John Lewis qofaan kan shaakalam miti, suuqootiin hedduu gurgurtaa uffanaa damboobaa guddisaa jiru.

Isaan keessa kan milkaa'ina guddaa qabaate tokko suuqii Ispeen Zaaraadha

Biloogarooti faashinii sababa uffannaa dheeraa fi babal'aa qabuun suuqii kana akka faakkeenyaa faashinii damboobatti fudhachuun, sababa barbaadamni isaa hedduu dabaleef faashiniin kun "intarneeta cabse" jechuun ni qoosu.

Uffanaa Zaaraa wandaboo adii

Madda suuraa, Getty Images

Presentational white space

Shamarreen Musliimaa Aashaa, "faashiniin damboobaa namaa namatti adda," jettee amanti.

"Faashiniin damboobaa Musliimaa ta'uurra kan darbeedha. Kana booda amantaa waliin wal hin qabatu. Faashinii haaraadha."

Maxxansa Instagram irra dabri, 3
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram, 3

Presentational white space

‎Fashiiniin kun dhimma gudda waan ta'ee jiruuf eejansooti moodeelii shammarree moodeelii faashinii damboobaa kana uffataaniif qofaaf addatti hundeeffaman ni jiru.

Dhaabata 'Umma Models' kan hoggantu Shaamii Hammuudaa, barri 2020 waggaa faadhiiniin damboobaa sadarkaa olaanatti guddatu jettee amanti.

Daldala ishee waggaa tokko dura yeroo eegalte maamiltoota afur qofa qabdi ture, amma garuu 60 ol bakka buuti.

"Namootni jireenya isaani guyya guyyaa keessatti damboobumma yeroo fayyadaman ni agarta, midiyaalee keessatti garuu bakka bu'umsa hin qabu. Kana booda aadaa ta'a jedheen hawwa," jetti.

Faashiniin damboobaa waggootiif hedduuf kan ture kan jetti Shaamiin.

" Biriteen bara 1950'n keessa yoo deebinee ilaallee faashiniin damboobaa aadaa ture. Namni hundi wanta harka guutuufi hanga koronyootti dheeratu uffata ture," jechuun BBCtti himteetti.

Suuraa faashinii bara 1950'n

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Faashinii bara 1950'n