Teels So'aares: Moodeelichi Torbee Faashinii Saa'oo Pooloorratti du'e

Teels So'aares

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Teels So'aares hospitaala haa geeffamuyyuuu malee lubbuun itti hin deebine

Moodeeliin ganna 26 waltajjii Torbee Faashinii Saa'oo Pooloo irratti kufee achumaan du'e.

Teels So'aares mallattoo dhaabbata faashinii Oksaa jedhamu qabachuun kan hirmaaate yoo tahu. Hospitaala haa geeffamuyyuu malee lubbuun itti deebi'uu hin dandeenye.

Daawwatoonni kufuunsaa qaama agarsiisichaa itti fakkaatee ture. Modeeloti gargaarsaaf achi turen battaluma hospitaala isa geessan.

Warri agarsiisicha qopheessan du'a isaa haa mirkaneessaniiyyyuu malee odeeffannoo dabalata hin kennine.

Moodeelota keessaa

''Du'a kanatti gaddineerra maatii Teelsiif jajjabina hawwina'' jedha ibsi qopheessitootarraa aragame '' waan dandeenyu hundumaan isa gargaaraa turres'' jedha.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irra naanna'u Soo'arees otoo hin kufiin dura waltajjiirra uffatasaa agarsiisaa hamma dhuma waltajjichaa deemee deebi'ee ture.

Sa'aatii muraasa dura waa'ee agarsiisa faashinii sanaaa Instaafgiraamii isaarraa maxxansee ture.