Booliviyaatti mormitoonni humnaan kantiibaa humnaan rifeensa irraa muran

Madda suuraa, EPA
Hiriirtonni Booliviyaatti mormiif bahan, kantiibaa magaalaa haleeluun, miila duwwaa daandiirra harkisaa erga turanii booda, halluu diimaa itti laaqanii, humnaanis rifeensa irraa muran.
Sa'aatii dheeraan boodas Kantiibaa Paatirishiyaa Aark jedhamtu kana poolisii Vintootti argamanitti dabarsanii kennan.
Dubartiin kun paartii siyaasaa Mas jedhamu keessa miseensadha.
Filannoo pirezedantummaa walfalmisiisaa tibbana biyyattin filatte booda deeggartoota mootummaa fi mormitootaa gidduuti walitti bu'iinsi umameera.
Kanaanis, yoo xiqqaate namoonni sadii du'uun dhaga'ameera.
Maaltu ta'e?
Gartuun hiriirtotaa, mootummaa biyyatti morman riqicha Viintoo iddo jedhamu cufani, magaala xiqqoo bulchiinsa giddugaleessa Booliviyaatti hiriirri mormii mudate kun filannoo pirezedantummaa Onkololessaa 20 hordofuun bahame
Oduun waa'ee ajjeechaa mormitoota lamaa faffaca'uu eegale. Mormitoonni kunis deeggartoota pireezidantii Evo Morales'n ajjeeffaman kan jedhu ture oduun tatamsa'e.
kana hordofuunis gareen garmalee aaran gara waajjira kantibichaatti imalan.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Mormitoonni kantiibaan kun deeggartoota pireezidaantichaa konkolaataan fe'uun, iddoo mormitoonni daandii cufanii jiranitti fidde jechuun himatu. Kanaanis lubbuun namoota lamaa dabre.
Mormitoonni kunniin ''ajjeestuu, ajjeestuu'' jedhanii iyyaa turan. Namoonni fuula haguuggatan ammoo daandii gubbaa miila qullaa harkisaa turan.
Erga riqicha gubbaa geessan booda, ni jilbeenfachiisan, mataa irraa muran, haalluu diimaanis laaqan.
Kana malees xalayaa hojii gadhiisuu dirqiin mallatteessisaniiru.
Achiis poolisiitti dabarsanii kennan - isaanis gara buufata fayyaa naannichaatti geessan.

Madda suuraa, EPA
Waajira Aadde Arce abidda itti qabsiisuun, foddaa fuullees caccabsaniiru.
Eenyutu lubbuu dhabe?
Namni walitti bu'insa deeggartootaafi mormitoota Pireezidant Moraalesin lubbuun obba'e, barataa ganna 20 maqaan isaa Limbert Guzmán Vasquez jedhamudha.
Akka jecha doktorotaatti, Aabba Guzmaan lubbuun ka dabarte miidhaa cimaa buqqee mataarra gaheeni. Kunis tarii meeshaa dhuka'aarraa kan kahe tahuu danda'a.
Gurbaan kunis erga mormiin ji'a dabre keessa eegale as nama lubbuu dhabe isa sadaffaadha.















