Sababa suuraan Paayiletiin umuriisaa guutuuf hojiicharraa dhorkame

Balaliisaan xiyyaaraa Chaayinaa tokko suuraan dubartii kutaa balalii seenuun dhorkamu keessaatti kaafamu agarsiisu erga maxxanfamee booda hojiisaarraa dhorkame.

Suurichi kan kaafame ji'a Amajjii xiyyaara Air Guliin magaalaa Guliin irraa gara Yaanzuutti balali'u keessatti ta'uun akka ta'e midiyaaleen biyyatti himan. Haata'u malee, suuraan kun heddumminaan kan qoodamaa ture torban kana ta'uun daandiin xiyyaarichaa akka dhorkuun taasiseera.

Bashannanaaf wayita teessuu suurichi kan mul'isu.

Dubartii of cinaa teessisuun isaa dambii ofeggannoo eegamuu qabu cabsee jedheen daandiin xiyyaarichaa.

Ta'iin kun kan raawwatame Amajjjii 4 balalii flight GT1011 jedhamurratti ture.

Dilbata darbe suuraan imaltuu kutaa xiyyaaraa seenuun dhorkame keessatti kaatee toora biloogii Weibo jedhamurratti wayita qoodamu argame.

Suurri maxxanfame kun dubartii qubashiin mallattoo V agarsiiftu jalatti barreeffama 'galanni kan balaliisaati, ani baayyee gammadeera'' jechuun barreeffame argameera.

Marsariitiin tajaajila oduu Chaayinaa kutaa balalii seente yuunversitii Guyiliin jedhamutti leenjii fudhata turte jechuun waanti haasa'amus jiraachu himani.

Daandiin xiyyaaraa suurichi otoo xiyyaarri balaliirra jiru kaafamuu fi dhiisuu addaa hin baasne garuu, paayiletonni fi xiinxaltoonni suurichi otoo xiyyaarri balali'uu kaafamee jedhan.

Maqaan balaliisaa umrii guutuuf akka hin balaliisne ugguramee hin ibsamne. Gita hojiisaarraa guutummaatti ariyatamuurratti waan ibsame hin jiru.

Air Guilin akka ibsetti ,nama hin eeyyamneef kutaa balalii seensisuun dambii cabsuudha jedhe .

Bulchiinsi Sivil Aviyeeshinii Chaayinaa imaltoonni kutaa balalii seenuun eeyyama addaatin alatti akka eeyyamamne ykn haal dureen barbaachisuu otoo hin guutamne seenuun dhorkaa ta'u ibse.

Waahillisaani kan biraas dhimmicha keessaa qooda qabachuun ibsame qo'annoo dabalataaf yeroo hin murtoofneef uggurameera.

Daandiin xiyyaarichaa nageenyi imaltootaa dhimma hunda dursu ta'uu ibse. Amala naamusa ogummaa hin eegne fi sirrii hin taane nageenya balalii xiyyaaraa rakkoorra buusuuf obsa hin qabnuu jechuun ibseera.

Bara darbe xiyyaarri Chaayinaa kan daandii qilleensaa Dongha leenjisaan balalii xiyyaaraa haadha warraasaa kutaa balalii erga seensiseen booda ji'a ja'aaf balaliisummaarraa ugguramuun ga'umsa ogummaas mulqamee ture.