Itoophiyaan daddabarsa seeraan alaa dhala namaa ittisuuf seera haaraa baasuuf

Godaantota gaanfa Afrikaa Liibiyaa keessatti

Madda suuraa, Giles Clarke

Yakka seeraan ala namoota daddabarsuufi namaan daldaluu to'achuuf, labsiin haaraa ba'aa jiraachuu Abbaan Alangaa Federaalaa beeksise.

Maqaan labsii kanaas ''Seeraan ala namoota daangaa ceesisuu, namaan daldaluufi bobbii hojii biyya alaa seeraan alaa to'achuufi ittisuu'' jedhamuun waamama jedhan Dubbii Himaan Abbaa Alangaa Federaalaa Obbo Zinaabuu Tunnuu.

Labsiin amma bahe kun mana mareetti Koree Dhaabbii Seeraa, Haqaafi Dimokiraasii, Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Dargaggootaaf dhiyaachuun irratti mari'atamaa jira akka aanga'aan kun jedhanitti.

''Biyya keenyatti yeroodhaa gara yerootti dargaggoota ciccimoo biyya keessatti hojjechuu danda'an gowwoomsuun karaa seeraan alaa biyyaa akka bahan, daangaa erga cehanii daandii irratti miidhaa guddaaf akka saaxilaman taasifamaa tureera''jedhaniiru.

Gocha seeraan alaa kanaan, kaan dararaa guddaa keessa darbu, kaan lubbuu dhabu. Kaanis qoor-qalbiifi qaamaan akka malee miidhamanii gara biyyaatti deebifamaa turan.

''Yakka kana hanbisuufi namoota as keessatti hirmaatan irratti adabbii cimaa dabarsuuf jechadha kan wixinee seeraa haaraan kun akka darbuuf dhiyaate" jedhan obbo Zinaabuun.

''Kanaaf mootummaan nageenya lammiilee isaa eeguuf dirqama waan qabuuf kana cimsuufi daallaltoota seeraan alaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf yaadameeti kan wixinichi qopha'e'' jedhu Dubbi Himaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa kun.

Labsiin kun kan kanaan dura ture irraa maaliin adda taha kan jedhuufi adabbii akkamiis dabarsuu danda'a kan jedhu irratti Obbo Zinaabuun, ''Kan ammaa kun qaawwa turan duuchuun seericha cimsuufi qabxiilee akka namaan daldaluu, humna isaafi waan hamaa biraaf dhala namaa fayyadamuu kan dabalatuufi kaanis of keessatti qabatu" akka ta'e himan

Obbo Zinaabuun seerri kun sadarkaa wixineerra kan jiruufi irratti mariyatamaa akka jiru ibsanii, yoo mirkanaa'e hunda isaa ibsuun ni danda'ama jedhan.

Haala qabatamaa amma jiruun, mootummaan tarkaanfii hedduu fudhachaa jira. Namoota warra daangaa ceesisan irrattis akkasuma hojjetamaa jira.

Haa tahu malee ammayyuu naannoo baadiyaa hubannoo gahaa hin jirretti dargaggonni gowwoomfamnii biyyaa bahaa jiru.

Adabbii isaa ilaalchisee qabxii hedduun jiraatanis adabbii maallaqaa guddaa, hidhaa cimaafi tarkaanfii gurguddaa qaba jedhan.

Seerichis keeyyatoota adabbii haga du'aa murteessan qabaachuu obbo Zinaabuun dubbataniiru.