'Dubartootaaf kaka'umsa ta'un barbaada,' Pirofeesar Istar Dufloo

Madda suuraa, Getty Images
Pirofeesar Istar Dufloo badhaasa Noobeelii kan Ikonomiksii bara kanaa argachuu isaaniin baay'ee gammaduu isaanii ibsan.
Badhaasni kunis 'dubartoota hedduuf kaka'umsa ta'a', jedhan.
Hayyuun diinagdee kuni hayyuulee kaan lama waliin ta'uuni badhaasa kana kan fudhatan.
Kanneen waliin fudhatan keessaa tokko immoo abbaa warraa isaaniifi yeroo isaan digirii sadaffaa isaanii hojjetan supparvaayizara isaanii kan turan Abhijiit Baanerjii tokkodha.
Kaan immoo Mikaa'el Kireemar jedhamu.
Dhaabbati badhaasicha kennu, Akkaadaamiin Saayinsii Royaal Iswidiish, qorannoon hayyuulee kanaa ''hojii hiyyummaa hir'isuuf hojjennu daran humna nutti hore, '' jedheera.
Erga badhaasichi bara 1969 eegale as dubartiin yoo fudhattu kuni kan lammataati. Umrii 46'tti dubartii umrii kanaan argataniidhas.
Qorattoonni sadan badhaasa kana argatan qorannoon isaanii hawaasa Hindiifi Afrikaa keessatti hiyyummaa keessa ture irratti qorannoo taasisaniini.
Qorannoon kuni invastimantiin kam ummataaf akka faayidaa qabuufi dhiibbaa inni jireenya hawaasa hiyyuummaa keessa jiru irratti qabu irratti kan xiyyeeffatedha.
Pirofeesar Banerjeefi Pirofeesar Dufloo Inistitiyuutii Tekinolojii Maasaachuseetitti (MIT'tti) kan hojjetan yoo ta'u Pirofeesar Kireemar immoo Yunivarsiitii Harvaard hojjetu.
Hayyuuleen sadan kunneen badhaasa dolaara 915,000 (birrii miiliyoona 26 ol) ni badhaafamu.

Madda suuraa, Niklas Elmehed/Nobel Media
Waa'ee badhaasa Noobeelii Ikonoomiksiitin
Badhaasni Noobelii Ikonomiksii badhaasa tokkicha Alfireed Noobelin hin hundoofnedha.
Badhaasni kuni Baankii Giddugaleessaa Siwidishiin ''yaadannoo Alfireed Noobelif'' qophaa'e. Badhaasni jalqabaas bara 1969 kenname.
Bara darbe, Wiiliyaam Nordihaawus fi Paawul Roomar kan badhaafaman. Qorannoon isaaniis akkatti jijjiiramni qilleensaafi tekinolojiin diinagdee irratti dhiibbaa qabu irratti xiyyeeffate.
Bara 2017, Ikoonomistiin Yunaayitid Isteet Richaard Taaler hojii ''behavioural economics'' irratti hojjeten fudhatan.
Erga badhaasichi bara 1969 eegale as lammiilee Ameerikaa hedduutu badhaafame.















