'Dhorkaan warra maaraatonii fiiganirratti darbe hin jiru'

Hangan beekuutti dhorkaan atileetota warra maaraatonii fiiganirratti darbe akka hin jirre, Daarektarri Teeknikaa Federeshinii Atiletiksii Itoophiyaa Obbo Dubee Jiiloo BBC'tti himaniiru.
Gabaasa midiyaalee biyya keessatiin dorgomtoonni Dohaatti dorgommii shaampiyoona maaraatoniirratti hirmaatan baatii sadiif akka hindorgomne dhorkaman jedhu gabaasaniiru.
Kana ilaalchisuunis, dorgomtoonni shaampiyoonaa atiletiksii addunyaa 17ffaa Kaataar Dohaatti gaggeefamaa jirurratti hirmaatan baatiiwwan dhufan sadiif akka boqatanii bayyanatan jedhame malee dhorkaan taasifame akka hin jirre himaniiru Obbo Duubeen.
Murtee kunis dorgomtoota fageenya KM 42 olii fiiganiif isa cimaa jedhamuun beekamu maaraatooniirratti kanneen hirmaatan nageenyaafi fayyinsaanii eegsisuuf kan fudhatameefi boqonnaa fudhatama qabuudha jedhaniiru Obbo Duubee jiloo.
Murteen atileetonni boqonnaa baatiiwwan sadii akka fudhatan taasisuu kunis seeraafi danbii dorgommii idil-addunyaa keessatti fudhatama kan qabuufi kan biyyoota biraattiinis ittiin hojjatamuudha jedhaniiru.
Boqonnaan bayyanachuu kunis ateleetoota dorgommii maaraatoonaarratti hirmaatan hunda kan ilaalattu ta'u kan dubbatan daarektarichi, keessattu isaan dorgommii Dohaarratti ho'a cimaa sanaan dorgamaniif baayyee barbaachisaadha jedhaniiru.
Dorgommii maaraatoonii dubartootaa Jimaata alakan gaggeeffamerratti hirmaatanii kan turan dorgomtoonni Itoophiyaa ho'a cimaa tureen dorgommicha adda kutanii bahunsaanii ni yaadatama.
Isaan qofa osoo hin taanee baayyeetu adda kutanii bahuuf dirqaman.
Kanaafuu dorgomtoonni haala cimaa ture sana irraa akka bayyanataniif haaluma dambii jiruutiin Federeshinichi shaakala taasisaa akka boqatan murtessuu ibsaniiru.
Gama fayyina dorgomtoota maaratoonii dubartootaa adda kutanii bahan ilaallattuun, rakkina muraasa dorgomtuu takka mudatee tureen alatti amma hunduu haala gaariirratti kan argaman ta'usaanii Obbo Duubeen himaniiru.
Sababii ho'a cimaa Dohaa jiruun kan ka'ees dorgommii maaraatonaafi tarkaanfii alkan wallakkaa taasifamu hirmaattota irratti dhiibbaa olaanaa kan qaqabsiisu ta'uu kan himan daarektarichi, kun dorgommiin istedayamii miidhaa baayyee akka hin qabaannee dubbataniiru.














