Booying 737 NG: To'ataan Aveeshinii Ameerikaa xiyyaaroti 737 NG akka qorataman ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan Taayitaa Aveeshinii Ameerikaa xiyyaarota Boeing 737 NG muraasa irra mallattoon tarsa'uu mul'ateera jechuun akka qorataman ajajaera.
Bulchiinsi Fedreeeshiniin Aveeshinii biyyattii ''yeroon xiyyaarota fooyyessuu irratti hojjedhun warri yeroo dheeraa tajaajilan tatarsa'uu jalqabuu isaanii,'' arge jedhe.
Mallattoon tatarsa'uu kuni xiyyaarota muraasa gosa biroo irrattis mul'ateera jedheera.
Balaa xiyyaaraa al lama qaqqabsiiseen hojii kan dhaabe 737 Max akka qoratamu hin ajajamne.
Ogeessoti booying xiyyaarota 737 NG garuu rakkoon akka jiru hin gabaasne.
Xiyyaaroti meeqa akka qoratamuu qabanis waan himame hin jiru.
''Guyyoota dhufan keessa qorannoo ajajame xiyyaarota muraasa irratti hojiirra oolchuuf maamiltoota keenya waliin hojjenna'' jechuun BBCtti himeera dhaabbitichi.
''Dhimmi kuni xiyyaarota 737 Max fi P-8 Poseidon hin ilaallatu.''

Madda suuraa, Getty Images
Booying dhimma xiyyaarota tarsa'an kanaa bal'inaan akka ibsu BBCn haa gaafatuyyuu malee deebii hin kennine.
Bulchiinsi Fedreeeshiniin Aveeshinii,'' ogeessonni qorannicha akka dalaganiifi suphaa barbaachisaa akka raawwatanii hatattamaan akka gabaasaniif qajeelcha ni kennina'' jedhan.
Booying balalii xiyyaarota 737 Max taasisu hunda balaan namoota hedduu ajjeese erga uumamen booda hojii ala godheera.
Xiyyaarri booying 737 Max balaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa baatii Bitootessaa keessa mudatee namooti 157 du'aniin booda balalii taasisee hin beeku.














