Namtichi bishaan jalatti gaaffii gaa'elaa dhiyeessaa ture lubbuu dhabe

Madda suuraa, Kenesha Antoine
Namtichi lammii Ameerikaa jaalalleesaaf Taanzaaniyaatti bishaan jalatti gaaffii 'natti heerumtaa?' dhiyeessaafii ture, dhidhimuun lubbuu dhabeera.
Istiivan Weebar fi jaalalleensaa Kenesha Antoine, hoteela bishaan jalaa- Manta Resort jedhamu Taanzaaniyaa naannoo Odola Peembaatti argamu keessa turan.
Akka viidiyoon mullisutti Aabba Weebar bishaan keessa lixuun Antione gaaffii gaa'elaa dhiyeesseef.
Waraqaa ergaa irratti barreeffamees karaa foddaa kutaa bishaan jalaan itti agarsiise - Keneshaan ammoo kutaa keessaa viidiyoo waraabaa turte.
Keneshaan ergaa fuula Facebook isheerratti maxxansiteen du'a jaalalleeshee mirkaneessuun, ''fageenya kana keessaa ol hin baane,'' jetteetti.

Madda suuraa, Kenesha Antoine on Facebook
Riizoortiin Manta akka BBCtti himetti Istiivan ''Wayita kophaasaa kutaa bishaan jalaan alatti bishaan daaku, haala gaddisiisaa taheen dhidhimeera,'' jedheera.
Istiivan fi Keneshaa kutaa bishaan jalatti ijaarame kana keessa guyyoota afur turuuf karoorfatanii turan.

Madda suuraa, Kenesha Antoine on Facebook
Kutaan kunis qarqara galaanarraa meetira 250 fagaatee ijaarame - gadi fageenyi isaas haga meetira 10 gaha.
Hoteela kana keessa halkan tokko buluf doolaara 1,700 yookaan maallaqa Itoophiyaa 50,000 ol kanfalchiisu.
Jaalalleewwan kunneen guyyoota sadii erga turan booda, guyyaa Kamisaa, Istiivan gaaffiisaa dhiyeessuuf gara bishaanii seene.
Ergaa waraqaarratti barreeffamaes foddaa 'mastaawatii' irratti maxxansee itti agarsiise - Keneshaan wayita kana gama keessaan ilaalaa turte.
Ergaan isaas kana jedha: ''Sababoota si jaaladhu hunda sitti himuuf bishaan jalatti yeroo dheeraaf turuu hin danda'u. Garuu... waa hunda keen jaaladha, Guyyuutti dabala jaalalli koo!''

Madda suuraa, Kenesha Antoine on Facebook
Ergiccha erga itii agarsiisee booda, qubeellaa gaa'elaaf qopheesse kiishasaa keessaa baasee agarsiise, achiis daakuun achiirraa deeme.
Hogganaan hootelichaa akka jedhanitti ''rakkoo bishaan keessatti uumameef'' birmachuuf gara iddichaa gahan, haatahu malee ''waa tokkoyyuu gochuu hin dandeenye''.

Madda suuraa, The Manta Resort
Ergaa Facebook irratti maxxansiteenis ''Istiivan deebii koo hin dhageenye. Yeroo miiliyoonaaf tolen jedha''.
Mootummaan Ameerikaas lammiin isaanii Taanzaaniyaatti akka du'e dhageenyeerra jechuun, ''Maatiif jajjabina hawwina,'' jedhaniiru. ''Qarqaarsa qonsilaa barbaachisu gochuuf qophiidha,'' jedhaniiru.

















