Haleellaa Boba'aa Sa'uudii: 'Meeshaan haleellaa qaqqabsiise Iraan irraa akka dhufe mirkaneessa'

Iraan buufata boba'aa Sa'uudii haleeluurratti ragaa dhiyaate

Madda suuraa, Reuters

Ministeerri Humna Ittisa Biyyaa Sa'uudii Arabiyaa haftee caccabaa meeshaalee waraanaa tibba darbe buufataaleen boba'aa biyyattii ittiin haleelamanii agarsiise.

Dubbi himaan Ministeerichaa Koloneel Turki al-Malk wayita ibsa gaazexeessitootaaf kennan meeshaaleen kun Iraan irraa akka dhufan mallattooleen meeshaalee kanneen irraa argaman ni mirkaneessu jedhan.

Akka dubbi himaa kanaatti dirooniiwwan 18 fi misaa'eloonni fageenya dheeraa deemuun haleellaa geessisan torba kan boba'aa Sa'uudii haleelan kallattii Yaman irraa kan dhufan osoo hin taane Iraan irraati.

Hidhattoonni Houthi Yaman keessa socho'an kanneen Iraan waliin michummaa qaban garuu haleellaa raawwateef itti gaafatamumma ni fudhanna jedhanii turan.

Koloneel Malk garuu haleellaan raawwate akkaan ulfaataa fi humnoonni akka hidhattoota Houthi raawwachuu kan hin dandeenyeedha jedhan.

Komii irratti dhiyaate kana kan haalte Iraan gamasheetiin sababa kanaan haleellaan isheerratti raawwachuuf deemu yoo jiraate haaloo ba'uuf akka dirqamtus beeksiste.

Ameerkaanis haleellaa kana kan raawwate Iraan ta'uu ibsitee turte.

Koloneel Malk Suuraa, viidiyoo fi danaa iddoowwan haleellaan irratti raawwatee dhiyeessan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Koloneel Malk Suuraa, viidiyoo fi danaa iddoowwan haleellaan irratti raawwatee dhiyeessan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp ''Ameerikaan kana qolachuuf filannoo hedduu qabdi'' jechuun tuwiitara isaaniirratti barreessan.

Buufataaleen boba'aa Sa'uudii Arabiyaa Sanbata darbe haleelaman lameen, Abqaiq fi Khurais, utubaa diinagdee Sa'uudiiti.

Boba'aa addunyaaf dhiyeessuun kan beekamtu Sa'uudiin erga buufataaleen kunneen haleelamanii gabaan boba'aa daranuu dabalee ture.

Oomishi boba'aa Sa'uudii baarmeelii miiliyoona 5.7n hir'ateera.