Mootummaan misoomaaf jecha manneen muslimoota Rohingaa diige

Nama amantaa Islaamaa hordofu
Ibsa waa'ee suuraa, Ganda kana keessa muslimoonni Rohingaa jiraachaa akka turan ragaalee agarsiisan

Ragaan BBCn argate akka mul'isutti gandi uumanni muslimaa Rohingaa keessa jiraatan tokko guutummaatti diigamuun misooma mootummaa kanneen akka kaampii poolisii, gamoowwan mootummaa fi iddoo da'oo baqattootaan bakka buufameera.

Daawwannaa mootummaan gaazexeessitootaaf mijeesseen carraa kan argate BBCn buufataaleen gurguddoo afur kan mootummaan misoomse quubsuma muslimoota Rohingaa akka turan adda baafateera.

Qondaaltonni Miyaanmaar garuu ganda muslimoota Rohingaa kan kutaa biyyaa Rakihiin diiguun gamoorratti ijaaruusaanii haalaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Eenyu akka ta'an isaanumti nutti himu

Bara 2017 keessa muslimoonni Rohingaa 700,000 caalan haleellaa humna waraanaa biyyattii baqachuun Miyaanmaar keessaa ba'aniiru.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii yakka ummata Rohingaa irratti raawwateen 'gocha duguuggaa sanyii mootummaan raawwateedha' jedhullee aanga'oonni biyyattii garuu ajjeechaa raawwate haalaniiru.

Irra jireessi ummatashee amantaa Buddihaa kan hordofan Miyaanmaar gocha duguuggaa sanyii muslimoota Rohingaa irratti akka hin raawwanne dubbachuun inumaa kanneen baqatanii ba'an deebisuuf hojjechaa jiraachuu beeksisteetti.

Hojii baqattoota Rohingaa biyyatti mootummaan eegaleen ji'a darbe keessa namoota 3,450 ta'an deebisuuf kan adda baafaman yoo ta'u isaan garuu 'nageenya keenyaaf wabii hin qabnu' jechuun didaniiru.

Miyaanmaar rakkoo ummata Rohingaa irra ga'ef Baangilaadesh komatti, baqattoota heddumminaan simachuuf bakka qopheessuushees miidiyaa daawwachiisteetti.

Kaampiin kun baqattoonni 25,000 deebi'anii akka qubataniif kan ijaarameedha jedha mootummaan
Ibsa waa'ee suuraa, Kaampiin kun baqattoonni 25,000 deebi'anii akka qubataniif kan ijaarameedha jedha mootummaan

Kaampiin Hila Powe Kaawung jedhamu kun namoota 25,000 deebisanii qubsiisuuf kan ijaarameedha jedha mootummaan.

Hoogganaan kaampii kanaa Sowe Shiwe Awung quubsumni muslimoota Rohingaa addanaa diigamuu haalan, garuu suuraan bakki kun quubsuma Rohingaa turuusaa agarsiisu wayita dhiyaatuuf ammoo dhiyoo bakka kana akka dhufanii fi kanaaf deebii akka hin qabne dubbatan.

Mootummaan Miyaanmaar mootummaa Bangilaadesh waliin ta'uun muslimoota Rohingaa qe'eesaanii gadi dhiisanii baqatan deebisuuf hojjechaa akka jiru hima.

Aanga'oonni Miyaanmaar garuu ummanni muslimoota Rohingaa jedhaman kun waggoota 70 dura Bangladesh irraa as godaanan jedhu.

Manneen mootummaan ijaare
Ibsa waa'ee suuraa, Manneen mootummaan ijaare