Festivaala Ispeen irratti sangaan gaafaan waraanee nama ajjeese

Fiigichi sangaa ji'a gannaa keessaa jaalatamaadha

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Fiigichi sangaa ji'a gannaa keessaa jaalatamaadha

Feestivaala giddugaleessaa Ispeen tokkorratti sangaan gaafaan diree(waraanee) nama ajjeesuu aanga'oonni biyyattii himan.

Mananguddoo ganna 62 Kuyyar iddoo jedhamutti feestivaala sangaa ariyatan tokkorratti Kamisa kaleessaa ajjeesse.

Sangaan gaafaan laphee fi morma keessa waraanee baay'ee madeessuun du'aarraa hambisuun akka dadhabame Kantiibaan Magaalitti Kaarlos Firahilii miidiyaa naannichaatti himan.

Maanguddoon miidhaan irra qaqqabe kun feestivaala sangaa ariyachuu kana daawwataa turan garuu dirree keessatti sangaa to'achuun erga dadhabame booda dirqamanii dirree seenuun gaafa sangaatiin diraman.

Vidiyoon waraabame sangaan daawwataa biraas dallaa jalaatti diruuf yaalaa akka ture mul'ise.

Ispeenitti waqtii gannaa sangaa ariyachuun baratamaa ta'us, waggaa waggaatti namoota hedduutu lubbuu dhaba. San Fermiin Paampilonaatti feestivaala barana qophaa'een namoota 8 sangaan diree fi namoonni 35 barana madaa'uutu himame.