Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa godaantoota danqamanii turan simachuuf

Madda suuraa, AFP
Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa jaha godaantoota Afriikaa 356 kanneen doonii baraartootaa galaanaa Vikingii akka Xaaliiyaan, Maaltaa hinqubanneef dharkamanii turan akka simatan beeksiisaniiru.
Godaantoonni irra caalaansaanii Suudaan, oduu kana dhagahuun baayyee gamaduun shubiisaniiru.
Humni galaanaa Maaltaa bidiruun qarqara galaanaatti geessuu danda'u, garuu achi akka turaniif hinheeyyaman.
Faransaayi, Jarman, Iyirlaand, Lukseeborgi, Portugaal fi Romaaniyaa kanneen simachuuf fedha agariisaniidha.
SOS Meditiraaniyaan, dhaabbanni tola olmaa Faransaayi keessatti hirmaataa tures, turtii galaanaarraatorbaan lamaan booda furmaanni akka kennamuuf gaafataa tureera.
Innis sabanii sirni godaantoota bishaaniin nyaatamu baraaru cabeen booda namoonni du'aa jiru jedheera.
Barattoota biyyoota miseensa Gamtaa Awuroppaa irraa hintaane bakka qabachiisuuf seerri dirqisiisu bakka hinjirreetti, kun dhimma dhiheenya dhaabbile tola oltootaaafi motummoota EU yoo mormisiisu kan dhiheenyaati.
Namoonni namoota dadabarsanii godaantoota afriikaa Awurooppaa qaqabuuf garmalee hawwan irraa bu'aa hedduu argataa jiru. Libiyaanis jiddugala qaxxaamura godaantootaati. Garuu lollii fi jeequmsi biyyatti keessaa mataansaa yaachisaadha.
Sababii kanaanis godaantoonni hedduun qarqara galaana Libiyaatti beelaafi darara arganiiru.
SOS Meditiraaniyaan dhaabbata 'Medicines Sans Frontiers' jedhamu waliin doonii baraarsaa gaggeessuu.

Madda suuraa, EPA
Faransaayi godaantoota 150 simachuuf yoo waliigaltu, Prchugaala ammo 35 tole jette jirti. Qoodiinsi hafe ganaa ifa hintaane.
Komishinarri Gamtaa Awuroppaa Minitris Avraamopolos Maaltaa fi boyyoota gamtichaa jaha waliin walii galan.
Godaantoonni 100 ta'an kan biraa doonii baraarsaa 'the Open Arms' jedhamuun erga guyyoota 19'f danqamanii turanii booda guyyaa Kibxataa,odoola Xaaliyaan Lampedusa gadhiifamaniiru.
Isaanis erga biyyoonni gamtichaa shan simachuuf waliigalanii booda akka qarqara qofatu hayyamameefi.
Ministirri Dhimma Haajaa biyya keessaa Xaaliyaan, Saalviniin dooniiwwan baraartootaan ''taksii dallaaltoota namoota dadabarsanii'' jechuun akka hinqubanneef didanii turan.

Madda suuraa, Reuters
Ergaa tiwitaraanis ''Akkuma waadaa galleetti godaantoota 356 akka Xaaliyaanii galaniif hinheyyamnu. Nageenya lammiilee Xaaliyaanotaatu dursa argata!'' jedhanii
Michoonni gamtichaa Xaaliyaaniin ''kaampii godaantoota Awuroopaa'' ta'aa waan jirtuuf komataniiru.
Ejjansiin oduu AFP akka gabaaseetti, godaantoota keessaa harki tokko sadii kan ta'an lammiilee Sudaan, Kaan ammo Afriikaa Lixaa irraayi. Isaan keessaayis kan 100 ta'an umuriinsaanii ganna 18.
















