Namoonni beekamoon Iraan karaan akka itti hin cufamnef ambulaansi yaabbatu

Madda suuraa, AFP
Namoonni bebbeekamoon Iraan fi barsiistonni dhuunfaatti maallaqni fooyyeen kaffalamuuf daandii Teehraan sochii tiraafikaan dhiphatu miliquuf ambulaasii akka yaabbatan hoogganaan tajaajila ambulaansii dhuunfaa biyyatti himan.
Mojitaaba Lorasib Tajaajila oduu ISNA jedhamutti akka himanitti, ta'iin kun dhuguma garuu haalli jiru akka ibsamu yaaddeessa miti jedhan.
Abbaan alangaa magaalichaa qajeelfamni to'annoo ambulaansii akka hojiirra oolu ajajan.
Haa ta'u malee poolisonni ''hojii biraan muddamani jiraniif deeggaruu akka hin dandeenye himan.
''Daandii sochii tiraafikaan cufamu miliquuf Teheraanitti Ambulaansii kan yaabbatan namoota bebbeekamoo fi barsiisota mindaan fooyyeen kaffalamuuf qofaa miti '' jechuun Lorasib odeeffannoo bal'aa kennuurraa ofqusatan.
Tajaajilamtoonni midiyaalee hawaasaa biyyatti dhimmicha qeeqanis, namoonni muraasni ambulaansiin tajaajila kennamuu amanamummaa akka hin qabne komatan.
'' Ambulaansota komiin irratti ka'uun hafu, tarii dhukkubsata harka tokkoo gadi keessaa jirayyuu yoo ta'e '' jechuudhaan namni tokko barreesseera.










