Konkolaattota haaraa 'sekondii 10 keessatti hannaaf saaxilaman'

Madda suuraa, What Car?
Konkolaataawwan haarawaa fi baayyee ammayyaawaa ta'an muraasni dadhabiina sirna galma furtumaleessaa isaanii hubachun balaa sakandiiwwan muraasa keessatti hatamu qabu.
Sirnichis konkolaachiftoonni osoo furtuu kiirii hin baasiin saaquun oofuu akka eegalan isan dandeessisa.
Magaazanni What Cars? UK yaalii konkolaatota modeelii garaa garaa sirna furtumaleessaa ta'an torba irratti gaggeesseera.
A DC 3 crossback fi Audi TT RS sakandii 1o keessatti kan hataman yoo ta'u, konkolaatonni gosa 'Land Rover Discovery Sport TD4 180 HSE' ammoo sakandii 30 keessatti hatamu.
Qondaaltoonni nageenyaa 'What Car?' teknolojii fooyya'aa hattoonni itti fayadamaniin walfakkaatuu irratti qorannoo taasisaniiru.
Isaaniis yeroo konkolaataa totto saaqanii oofuun itti galuuf isaan jalaa fudhatu safaraniiru.
Hanni konkolaataa Inglaandii fi Wales'tti waggoota darban saddeeti keessatti sadarkaa olaanaarra gaheera. Bara 2018'tti konkolaatota kuma 106 oliitu hatame.

Kanfaltiin hanna konkolaataaf kubaaniyaa inshuraansiin bara kana UK tti kanfalame kan bara waggaa torban darbaii hunda caalaa olaanaa dha jedhame.
Waldaan Inshuraansii Biritish akka jedheetti, gaaffiin kanfaltii baatiiwwan Amajjii hanga Bitooteessaa bara 2012 kan kurmaana waggaa bara kamu caalaa jedhaniiru.
Gartokkeen dabala kanfaltii kanaas yakka konkolaatoota furtumaleeyyii yoo ta'u, konkolaatota akkaasiif kanfaltiin hangam akka taasifame ilaalchise garuu lakkoofsa hinqabu.
Kubaaniyaan Maatii Audi kan ta'e Gareen VolsiWaagan, poolisiifi qaamoolee inishuraanii waliin wal ta'uun haala nageenya konkolaatoota kanneen fooyyeessuuf nan hojjadha jedheera.
Kubaaniyaan maatii DS kan ta'e Gareen PSA -told What Cars? ammoo hanqiinawwan nageenya konkolaatotaa kan fooyyeesan garee qabaachu himee, 'toftaawwan hattuun itti fayyadamu xinxaluuf'' poolisiin waliin walitti dhiheenyaan hojjana jedheera.
Kana malees gaaffii abbaa qabeenyaan dhiyaatuun daldaltoonni sirnawwan seensa furtumaleessaa argachu danda'u.
Jaguar Land Rover akka jedheetti: ''Modeelli The Discovery Sport yaalamee amma omishamaa hin jiru. Modeelli The Discovery Sport amma omishamaa jiru kan teknolojii halleellaa ittisuuf dandeessisuudha.
Kana malees, konkolaatawwan keenya hundi kan meeshaalee keessaan to'atamu (InControl ) qabaniidha.

Hannaa konkolaataa guyyaa bashanannaa balleesse
Stephen Savigar, namni umurii 59, fi UK'tti jiraataa Newport, South Wales osoo haadha warraa isaafi hiriyyota isaa lama waliin gara daandii Buufata xiyyaaraa Heathrowtti konkolaachisaa ture kan hattoota konkolaataa furtumaleessaaf saaxilame.
Jarri kunis gara Singaapoortiitti balalii'uun haadha warraa isaa bashansiisee akkasamus sirna kabaja guyyaa dhaloota hirriyyaa ishee irratti argamuuf turan kan gara buufata xiyyaaraatti imalaa turaniif.
Yoo isaan tajaajila dubbisuu konkolaatichaa fincaaniif dhaabachuu kan jedhuutti geedaran hannichi danqame. Kanaafuu Ford Mondeo Mr Savigar osoo hin hatamiin hafte. Garuu wanti konkolaaticha keessaa fudhatamees imalasaanii bashannanaa qullaa taasise.
"Osoo baaayyina konkolaataatiin qabamne jirruu sirni furtuu konkolaataa kiyyaa hatame'' jedha. ''Hattoonnis boorsaa paasportii kiyyaafi kan haadha warraa kiyyaa keessa jiru nu jalaa hatan. Akkasumas fuullee ijaa fi Ipad keenyas fudhatan.''

Madda suuraa, AFP
"Sababii kanaafuu gara deemuuf turreetti balalii'u hind andeenye. Hirriyaa keenya garuu buufata xiyyaarratti geessinee nagaa itti dhaamuun biraa hafne."
Haatii warraafi abbaan warraa kunneenis gara mana isaaniitti konkolaataasaaniin deebii'an. Achinis gara waajjira paasportii kennu dhaquun guyyaa lamataa deebii'anii gara Buufata xiyyaarratti qajeelan. Imala isaanitiifis kanfaltii biraa raawwachuun xiyyaara gara biraatiin gara Singaaportiitti imalan.
Baatii shaniin booda Mr Savigar illeen waa'ee isa mudate sanaa haasa'un baayyee akka isa gaddisiisu dubbata. ''Imala kana waggootaaf karoorsaa turre. Yakka sukkanneessaatu raawwatame.''
'Namoon dogongorfamaa jiru'
Andrew Kaaba Landan irraa konkolaataansaa Mercedes c220 jalaa hatameera. Kunis bara darbee baatii Sadaasaa keessa ala nama jireenyaasattii ture, jechuun BBC'tti hima.
Konkolaatichis hanga ammaattuu akkuma badeetti kan hafe yoo ta'u, Mercedes garuu kun attamiin mudachu akka danda'e ilaalchisee ibsa kennuu hin dandeenye jedha Andrew.
''Wayita omishtoonni konkolaatota kanneenii baayyee nageenyisaanii eegame jedhamaa jirutti, namoonni dogongorfamaa jiru natti fakkaata. Akka ishuraansii kiyyaatti konkolaatoonni furtumaleeyyii ta'an 10 ol naannoon ani jiraadhu qofaa baatiidhuma sana keessa hatamaniiru.''
Hanni furtumaleessaa attamiin raawwata?
Haattoonni yeroo baayyee lama ta'uun waliin adeemuun konkolaatota mana jireenyaan ala dhaabaman irratti xiyyeeffatu.
Yakkamaan tokko meeshaa gara konkolaataatti siqsuun akka mallattoo furtuu kennuuf qaba. hattuun inni hafe ammoo meeshaa biraa qabachuun manatti siqee dhaabbata. Haala akkasiitiin sirnicha gowwomsuun mallattoo furtu argatu.
Erga tokkicha konkolaatonni kunneen hatamanii booda, batalumatti qaamasaa adda baasu'' jedha poolisiin.
Omishitoonni konkolaataa teknolojii haaraa hamma furtumaleessaa dhorku hojjataa kan jiran yoo ta'u, innis sochii namootaa adda baasuun kan saaxiludha.
Haa ta'u malee teknolojiin kun gabaa konkolaataa hunda irraatti dhiyaachu hin eegalle.















