Warshaa konkolaataa: Eenyutu hunda dursa?

Madda suuraa, Getty Images
Warshaaleen konkolaataa gurguddoon lakkoobsa gurgurtaasaanii kan bara 2017 beeksisaa jiru ,garuu eenyutu tokkoffaa ta'a laata?
Tarii warshaa konkolaataa Jarmany garee Volswagen kan sadarkaa duraa kampanii Toyota irraa fudhate ta'aa laata?
Moo tarii warshaa haaraa konkolaattota gosa garagaraa oomishaa jiru ta'a laata?
Tarii kan US titan, General Motors ,tarii deebi'ee mo'achuu malaa laata?
Deebiinsaa gosa konkolaa kampaniiwwan dhiyeessan irratti hundaa'a.
Waan falmisiisaa
Kabaja argachuu kan barbaadu qooda fudhataan bara kanaa kampanii konkolaataa Renault-Nissan-Mitsubishi alliance jedhamuudha.
Gareen Jappaanii fi Freench waliin ta'uun bara 2016 kampanii Mistubishi fudhatanii maqaa haarawa kana Fulbaana darbe keessa argatan.

Madda suuraa, Getty Images
Mallattoowwan addatti ittiin beekaman kudhan kanneen akka Dacia, Datsum, Infiniti fi Renault Sumsung Motors irraati kan ijaaraman. Kampanichi konkolaataa imala ummataa miiliyoona 10.61 fi konkolaattota daldalaa sasalphoo hedduu bara 2017 keessa gurureen addunyaarratti tokkoffaa ta'eera.
Garuu haalisaa xiqqoo walxaxaadha.
Sababni isaa kampaniin volswagen bara 2017 keessa konkolaattota miiliyoona 10.74 gurgureera jedha, kunimmoo dorgommii itti aanuufillee dhiibbaa guddaa akka uumu ni dubbatama.
Dubbii jajjabaa
Addunyaarratti gabaa konkolaataa qabachuun qaama dursu beekuuf waan irra dgaabbannee wal dorgomsiisnu ilaaluun barbaachisaadha jetti hooggantuun warshaa konkolaattotaa buufata qorannoo BMI kan magaalaa Landanitti argamuu.
Gabaasa miidiyaa garagaraarraa akka hubatamutti bara 2017 keessa Renault-Nissan-Mitsubishi alliance konkolaattota sasalphoo gurguruun gabaa kan qabate yoo ta'u, VW ammoo lammaaffaadha.
Garuu lakkoobsa kana keessatti konkolaattota gurguddoo kan kampaniin VW oomishutu baayyata.
Konkolaattota gurguddoo kan jedhaman kanneen akka Baasii fi konkolaattota fe'isaa gurguddoon konkolaattota imalaa xixiqqoo keessatti ramadamuun lakkoobsa konkolaattota kaampaniin kun gurguruu olkaasaa jiru.
Kana fudhachuun namoonni akka waan Jarmaniin tokkoffaa taateetti dubbachaa jiru.
Konkolaattota fe'isaa gurguddoo fi konkolaattota imalaa sasalphoo adda baasuu dabuun ammoo haala gabaa konkolaataa daranuu walxaxaa godheera.
Fakkeenyaaf konkolaataa beekamaan ispoortii SUV jedhamu konkolaataa guddaa moo xiqqaa jalatti ramadama?

Madda suuraa, Getty Images
''Gosti konkolaataa SUV bakka hedduutti beekamaa ta'e konkolaattotatuma ummanni ittiin imalaniin tokkuma,'' jedha qondaalli olaanaan CarBuyer.
''Garuu USA keessatti gosti konkolaataa SUV tokko tokko akka konkolaattota sasalphootti gargaaru. Singappor, Maleeshiyaa fi Taayilaandi keessatti gosti konkolaataa Toyota Hilux konkolaattota duubaan irra buusee qabaniidha, konkolaaattota sasalphoos jedhamu . Garuu gosti konkolaataa Toyota Fortuner jedhamuu danaan isaanii fi keessi isaanii walfakkaatus akka gosa konkolaataa SUVtti ilaalama. Walumaa galatti yeroon konkolaataa gurguddaan darbee kan konkolaattota sasalphoo yoom akka dhufu tilmaamuun nama dhiba,''

Madda suuraa, Getty Images
Konkolaataa sasalphoo jedhamanii ramadan kanneen akka Chevrolet Silverado, hojii daldalaatiifis haa ta'u geejjbaafis haa oolan malee konkolaattota piikaappii jalatti ramadamu.
Konkolaattota mallattoo garagaraa hunda garee tokkotti yoo walitti qabanii hunduma gurguran kun gree kampanii VW deggeruu ta'a.
Haala kana yoo fayyadamne ammoo ammas gosti konkolaataa warshaa OICA gabaa addunyaa qabachuu mala.
Kun garuu konkolaataa fe'isaa ummataa, kan daldalaa, miniibaasotaa fi konkolaattota fe'isaa of keessaa qaba. Garuu sadarkaasaa kan bara 2017 hin ibsine.












