Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guddina, itti fayyadama Anisteezhiyaa Itoophiyaatti
Miira dhukkubbii malee wala'aansa baqaqsanii yaaluu argachuun mirga akkamiiti? miira dhukkubbi yaadachuun ni danda'amaa? jennee Yuunversiitii Arsiitti barsiisaa fi ogeessa Anisteezhiyaa Ayyalaa Baqqalaa gaafannee.
Anisteezhiyaa jechi jedhu Afaan Giriik irra dhufe hiiknisaas 'miirri akka itti hin dhagamne gochuu jechuu dha.
Qorichi Anisteezhiyaa lilmoon kennamu kun Giddu galeessa baqaqsanii yaaluu keessatti dhukkubsataan akka hin warraaqne, dhukkubbiin akka itti hin dhaga'amnee fi waan ta'aa ture akka hin yaadanne gochuuf kan fayyadu ta'u ibsu.
Anisteezhiyaan otoo hin jiraannee yaaliin kennamus hin milka'uu, ogummaan baqaqsanii yaalus rakkisaa ta'a ture jedhan.
Namni dhibame dhukkubbii sodaate du'a filata ture jedhani akka yaadan dubbatan.
Amma qorichoonni kun jiraachuun wala'aansa barbaacha biyya alaatti imaluus hir'isuu kaasuudhaani.
Qorichi kun akkamitti dhufe?
Otoo qorichi Anisteezhiyaa hin argamiin dura dhugaatii alkooliin macheessuu, cabbiidhaan kottolleessuu fi uleedhaan rukutanii gaaf dhukkubsatan of wallaalu baqaqsanii yaaluun amma bara 1846 tti ture jedhu.
Bara 1846 qorichi Itar jedhamu doktora Mortor ogeessa jedhamuun Iglanditti eegalamee booda suuta suuta bifa ammaatti akka guddachaa dhufe kaasu.
Itoophiyaatti akkamitti eegalame?
Itoophiyaatti yaaliin baqaqsanii wala'aanu qorichi Anisteezhiyaa erga argamee booda waan eegaleef uleen rukutanii garaa baqaqsuunis ta'e, dhugaatii alkooliin macheessuun hin beekamu jedhan.
Jalqaba faranjoota biyya keenya dhufaaniin qorichi kun kennamuun eegalame . Xaaliyaanonni wala'ansa baqaqsanii yaaluu Anisteezhiyaan kennaa turani.
Hospitaalaa Zawudituu Finfinneetti argamu keessatti ogeeyyiin lammiilee Itoophiyaa Anistezhiyaa fayyadamuun A.L.I bara 1974 eegalamee jedha.
Sana dura lammilee biyyoota alaatiin yoom qoricha kanatti fayyadamuun akka eegalame ragaa quubsaa akka hin qabne himan.
Otoo wal'aansi kun akka duritti seenaa keessatti beekamutti macheessuun ykn mataa keessa rukatanii gaggabsuun kennama ta'e namni du'u baay'ee ta'u danda'a jedhe.
Yeroo wala'aansi kun kennamu dhukkubbii dhaga'uun mirga namooma cabsuudhaan walqabataa jedha ogeessii kun.
Sababii Anisteezhiyaatiin qaamaa guutuutti kennamuun otoo hin dammaqiin namoonni achiin hafan hagam ta'u jechuun kan gaafanneef, Otoo wal'aaansi kennamuufi namni dammaqe isaan mudatee akka hin beekne dubbatan.
Hospitaalota biyyatti 5'n irratti qo'annoo taasifame namoota 100 keessaa tokkoo waan raawwatamaa ture yaadata turee jedha.
''Biyya keenyatti sababii Anisteezhiyaan qofa namni du'u xiqqaadha'' jedhu.
Qorichoota kennuun dura tamboo aarsuu dhiisuu, soorata nyaachuufi dhiisuu isaanii fa'aa ragaa sirrii kennuun qoricha kanarraa dammaqanii fayyaasaaanitti akka deebi'anii fayyada jedhan.
Gosoota Anisteezhiyaa
Anisteezhiyaaan kennamu iddoo 3tti qoodani. Kan qaama guutuu, naannoo murta'e(regional) fi local jedhame hadoochuuf kennamu.
Harka caalu garuu gosti wal'aansa baqaqsanii yaaluu biyyoota birootti kennamu biyya keessatti kennamaa jiraatus, qorichoonni dhiyeenya bahan gatii qaalii waan qabaniif mootummaan biyya keessa hin galchuu. qorichoota biraan bakka buusanii akka tajaajila kennan dubbatu ogeessi kun.
''Hanqina qorichoota qabna. Kana malees maashinoonni '' Nerve stimulator' jedhaman fi Altiraasawundiin hospitaalota muraasa keessa qofa jiraachuun yaalli kennamu akka hin guddanne dhiibbaa uumera'' jedhan.
Ministeerri Eegumsa Fayyaa Itoophiyaa keessatti dameen kun damee baay'ee hin guddannee keessatti ramadama . Barnoonni fi leenjiin kennamu bara 1974 irraa walta'iinsa Dhaabbata Fayyaa addunyaatiin jalqabamuu Hospitaala Xiqur Ambassatti eegalame.