Obbo Shimallis Abdiisaa: 'Moyyaleerraa hanga Cinaaqsan karaan hunduu saaqameera'

Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidantii Itti -aanaa Oromiyaa

Pirezidantii Itti-aanaa Oromiyaa kan ta'an Obbo Shimallis Abdiisaa dhimma walitti dhufeenya Oromoofi Somaalee, rakkoo daangaafi wantoota kaan irratti BBC waliin turtii taasisanin rakkoo waggoota muraasa dura dhalateen naannoleen lamaanuu miidhamuu himan.

Guyyaa kaleessaa hoggantoonniifi qaamoleen hawaasaa naannolee lamaanii magaalaa Jigjigaatti sagantaa qophaa'e irratti hirmaataniiru.

Waltajjiin akkanaa kana dura magaalaa Adaamaatti taasifamee ture.

BBC: Dhimmi Moyyalee kan yeroo darban keessa rakkoon nageenyaa irra deddeebiyee uumamu maalirra jira?

Obbo Shimallis: Mootummaan naannolee lamaanii dhimma Moyyaleerratti waliin hojjechaa jirra. Erga jijjiiramni kun dhufee, keessattiyyu naannoo Somaaleetti erga rifoormiin gaggeeffamee naannoo Moyyaleetti jijjiirama guddaatu jira.

Naannoo sana misoomsuu, dubbii daangaa waliin walqabatee jiru tokko achi waan ta'eef hanga xumurutti waliin misoomsuu, akka namni nagaadhaan ba'ee jiraatu gochuudha.

Dhimmoota kaan ammoo sadarkaa mootummaalee lamaaniitti dhimmoota marii barbaadan qorannoorratti hundoofnee dhimmoonni marii jajjaboo barbaadan waan jiraniif isa gochaa jirra.

Isa dhawaata dhawaataan irratti hojjechuudha. Irra caalaa garuu nageenya naannoo sanaa karaa amansiisaa ta'een mirkaneessineeti kan jirru. Sochiin dinagdees haala gaariidhaan ciccimee jira.

BBC: Rakkoo bulchiinsaatiin walqabatee, warri fedhii siyaasaa guutachuu barbadan ummata nagaa jiraaturraan miidhaa geessisuu danda'u. Gama bulchiinsaatiin, kan duriirra amma kan foyyeessitan maaltu jira?

Obbo Shimallis: Bulchiinsa nuti amma kennaa jirru, keessattu akka naannoo kenyaatti bulchiinsa Oromootaa ykn garee tokkoo yookaan ammoo gosaafi mandara tokkoo irratti xiyyeeffatu osoo hin taane, Oromoota hammatee dudhaafi kallattii Oromummaatiin fedhii warra kaaniis karaa giddu-galeessa godhatuun akka hojjetu gochuudha.

Isa kanarratti, godina Booranaatti caasaa jiru, kan maagaalaafi baadiyaa cimsuudhaaf hojii bal'aan hojjetamee jira. Kana irrattis foyya'insa guddaatus jira.

Gosoonni lamaan, keessatti Garriifi gama keenyaan ammoo Booranni waliin ta'anii mariyatanii karaa caalaatti caasaa mootummaa deggeruun, mootummaan ammoo akka misooma fiduun caasaa jiru sana akka deggeru gochuu irratti hojjechaa kan jirru.

BBC: Sochiin daldalaa ummatttoota lamaan jiru bakka duraan turetti deebiyeeraa?

Obbo Shimallis: Daldala ilaalchisee naannoleen lamaanuu miidhamaniiru. Naannoon Somaalees miidhamee jira, naannoo Oromiyaas miidhamee jira.

Naannoon Somaalee naannoo Oromiyaarraa oomisha hedduu barbaada. Daldala hedduutu Somaaleerraa ammoo gara Oromiyaa dhufa. Alaas, daldala hedduutu karaa Somaalee gara Oromiyaa seena.

Kanaaf, daldalli kun gaaga'amu isaatiin miidhaan dinagdee naannoleefi ummata lachuurra ga'ee jira. Osoo konferaansii Adaamaatti hin gaggeessiin dura akka naannoo keenyaatti sirriitt gadi teenyee ilaalleeti jechuudha.

Isa kana yeroo ammaa Moyyaleerraa hanga Cinaaqsan jirutti karaan hunduu akka saaqamu taasifamee jira. Oromiyaarraa gara Somaaleetti daldalli cimaan godhamaa jira.

Ummanni ammoo faayidaa isaa waan argee jiruuf, miidhaa ture kanaan ammoo caalmaatti kan miidhame ummata Oromoodha. Ummanni Somaalees akkasuma.

Ummanni lamaanuu miidhaa kana sirriitti hubatanii jiru, rakkoo waggaa sadan darbaniin jechuudha.

Kanaaf, nannoo Somaalee keessatti rifoormiin erga gaggeeffamee booda, waanta saaqame kanarraa lachuu akka fayyadaman carraa baneefii jira.

Amma haala gaariidhaan irraa fayyadamaa jiru. Isa kana cimsuudhaaf karaa daldalaa bal'isuudhaaf hojjechaa jirra. Moyyalee qofaan osoo hin taane, karaa Gindhiiriin qorannoon daandiin akka xumuramu taasifnee jirra.

Daandiin aspaaltiin karaa Somaaliyaa isa guddaatti ce'u akka uumamu, karaa Nagalleetiin haaluma sanaan akka jiraatu, ulaan lama, sadii, afur akka jiraatu taasisuudhaaf karaa naannoo keenyaatiinis karaa naannoo Somaaleetiinis hojjetamaa jira.

Ummanni ammoo yeroo iraa fayyadamaa deemu nagaa kanas ni eega. Rakkooleen jiran kunneenis akka hin uumamnes caalmaatti ni tiksa jenneetu eegna.

Isa kana irratti ummata hirmaachisnee, dubbiin dhimma siyaasaatii ol akka ta'e, dubbiin dhimma taphattoota siyaasaatiin ol akka ta'e, dubbiin dubbii ummataa akka ta'e barree hawwaasatti gadi buusaa jirra. Isa kana cimsinee itti fufna.

Mariin sadarkaa naannoo lamaaniitti goone kun sadarkaa godinaatti, sadarkaa aanaatti, sadarkaa gandaatti hawaasni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, ugaazonni jiran, sulxaanonni jiran akka waliin mariyatan gochuudhaaf ji'oota sadan darbe irratti hojjechaa jirra.

Yeroo ammoo dogoggorri bakka tokkotti argame haraarama tokko malee tarkaanfii fudhannee sirreessuu, ummati ammoo sana keessatti ga'eesaa akka taphatu gochuurratti xiyyeeffannee hojjenna ta'e caalmaatti lafa qabachaa deema jennee amanna.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Moyyalee hanga Cinaaqsanitti ulaan saaqameera jedhu Obbo Shimallis Abdiisaa.

BBC: Rakkoo Naannoo Somaaleefi Oromiyaa irratti furmaata waaraa kaa'uudhaaf dhimmi daangaa furamuu qaba jedhu namoonni. Rifarandamiin gaggeeffamee ture. Bulchitoonni naannoolee lameeni yeroo mari'attan dhimma kana ni kaaftuu?

Furmaata waaraa kan fidu rifarandamii ykn daangaa miti. Duras rakkoo guddaa kan uume dhimma daangaa miti. Rakkoon daangaa kan jiru bakkeewwan xiqqaa irratti.

Daangaan qabnu 1,600km dheerata. Daangaa hammana dheeratu keessaa iddoon rakkoon itti hin hiikamne yoo jiraate iddoowwan sadan afran tokkodha. Iddoo baay'ee xiqqaadha jechaadha.

Iddoo baay'een hin beekama. Ummannis waliigale xumuree jira.

Kan rakkoo guddaa fide keessattuu daldaltonni siyaasaa dhimma kana giddugaleessa godhatani keessattii qabsoon gaafa Finfinneetti cimaa deemu jijjiirama kana fiduudhaaf gaafa yaaliin godhamu ajandaa Finfinneerra jiru Finfinnee irraa gadi - baasuuf jedhame itti yaadame waan raawwatedha.

Malee ammas mari'annee dhimma daangaa hiikuu hin dandeenye hinjiraatu. Isaa olitti furmaata waara'aa kan fidu tokkoffaa ummattoonni lamaan kuni tokkummaan isaanii hiikoo guddaa akka qabu isaan lamaaniifis, Itoophiyaadhaafis Gaanfa Afrikaadhaafis hiikoo guddaa akka qabu hubachu.

Ummatoonni kun lamaan waggaa 150 darbe gahee irraa eegamu taphachaa hin turre. Inni kun ummatoota lamaan kana miidheera, cunqurfamoota biraas miidhaa ture.

Gahee isaanitti akka deebi'an gochuu Sumaales dhimma siyaasaa naannoo isaa irratti hidhamee akka hin hafne dhimma siyaasa Itoophiyaa keessatti gahee isaa taphatu Oromoonis qixa sanin akka taphatu gochuu.

Naannoleen lamaanuu misoomani hin jiran. Naannoon tokko tokko Itoophiyaa keessatti Aanaan hundi daandii asfaaltii qaba. Naannoon Oromiyaafi Somaale garuu hin misoomne.

Barnoonni akka gahaatti bira hin dhaqqabne. Ummanni caalmaatti akka fayyadamaa ta'u taasisuu. Dhimmoota kanadha furmaata waaraa kan fidan.

BBC: Walitti dhufeenya fooyyessuu maaltu ta'uu mala?

Walitti dhufeenya kana fooyyessuus keessumaa madaa kaleessa turerra dabarree kalattii haaratti bahun akka mootummaatti nurraa eegama. Isaaf mootummooleen lama waliin hojjetaa jiru.

Daandiin waggota 3 darbef cufamee ture akka saaqaman godhamee jira. Namni qe'ee isaatti deebi'e qubatu taasifame jira.

Ummatoonni buqqa'an gama lamaaniinuu kanneen eeyyamamaa ta'an qe'ee isaanitti akka deebi'an ta'ee jira.

Kan hin deebine haala mootummaa osoo hin taane dhimma murtee dhuunfaa ta'a jechaadha. Namoota qe'eetti deebi'an irratti hordoffiin taasifamaa jira.

Sanyiin filatamaa, liqii akka argatan akkasumas deeggarsa akka argatan gama kenyaatiinis gama Naannoo Somaaleenis taasifamaa jira.

Qe'eedhaa buqqa'anii qe'eetti deebi'un akka dubbannu kana salphaa miti. Isa irratti ammas hojii bal'aafi xiyyeeffannoo nu gaafata.

Haala gaarirra jiru yoo jenne dhugaarraa kan fagaate miti. Garuu, ammas hojii itti fufiinsa qabu barbaachisa. Naannoleen lamaanuu xiyyeeffatanii hojjetaa jiru.