Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaansilarri Jarmanii Angeelaa Meerkel yeroo lammataaf osoo hoollatanii mul'atan
Chaansilarri Jarmanii Angeelaa Meerkel sirna magaalaa Barlin keessatti raawwaa ture irratti - akkuma guyyoota saddeet duraa ammas irra deebiin akka malee yoo hoollatan mul'ataniiru.
Namni ganna 64, Meerkel Kamisa qaamni ishee yoo hurgufamu viidiyoon mul'ateera.
Kanaan duras guyyoota saddeet dura sirna biraa irratti wanti wal fakkaataan ishee mudatee ture.
Kan gaaf jalqabaa dhangala'aan qaama keessaa dhumuu ykn 'dehydration' jedhamee ture. Kamisa wayita qaamni ishee hurgufamu bishaan dhiyaatuufis hin dhugiin hafte.
Turtii muraasa booda akkuma sagantaa ishee gara Jappaan imalti, nageenyi ishees gaariidha jechuun dubbi himaan ishee dubbateera.
Guyyoota saddeet duras pireezidantii Yuukireen Voloodmiir Zeleniiskii bira dhaabatanii qaamni isaanii akka malee hurgufamuu eegale. Boodarra bishaan dhuganii akka bayyanatan himan.
Guyyaa lamaanuu haalli qilleensaa ture ho'adha.
Bara 2017 daawwannaaf gara Meeksikoo imalanii wayita turan wanti wal fakkaataanisaan mudatee akka ture chaanaliin Oduu NTV kan biyya Jarmanii gabaaseera.
Bara 2005 aangootti kan dhufte Angeelaa Meerkel marroo afraffaaf aangoorra jirti. Bara 2021'tti siyaasa keessaa akka baatu beeksifteetti.
Biyyattii keessatti nama sadaffaa yeroo dheeraaf aangoorra turtedha.
Sababa fayyaa isheen hojii ishee itti fufuu yoo hin dandeenye, chaansilarri itti aanaa wayita ammaa Ministira Maallaqaa ta'ee dalagaa jiru bakka bu'ee itti fufa.