Haati warraa Benjaamin Netaanyaahuu maallaqa mootummaa qisaasessuu amanan

Saaraa Netaanyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Saaraa Netaanyaahuu

Haati warraa ministira mummee Israa'el Benjaamin Netaanyaahuu, maallaqa mootummaa qisaaseessuu amanan. Kanaafimmoo, doolaara 15,000 kaffaluu qabu.

Saaraa Netaanyaahuu lafa jireenayaa Ministira Mummee namni nyaata bilcheessu hin jiru jechuun, nyaata alaa bichisiisuun qarshii doolaara 99,300 baasuun himatamanii turan.

Bara darbe immoo maallaqa waliin dhahuufi amanamummaa hanqisuun himannaan irratti dhiyaatee ture.

'Dubbichi waan ishee ilaallatu mitii, abbaa warraa ishee aangoorraa buusuuf yaalii godhamaa jiru dha,''jedhaniiru abukaatoon isaanii.

Netaanaayaahuun waliIgaltee mana murtiitti taasisaniin, qarshii doolaara 12,4900 mootummaaf kaffalu, herrega qarshii 2,777 ammoo ofirraa buusu.

Himannaan irraa haa hir'atuyyyuu malee yakka dalaguun ishee irratti galmeefama jedheera gaazexaan biyyattii Jeruusaaleem Poost.

Beenyaa kaffaluun waliigalamuunsaa dhaddacha ragaa baatoota 80 waamurraa oolcheera jedhan abukaatoo Ereez Paadaan.

Bara darbe, adde Saaraan akkatti nyaata alaa ajajan hubannoo hin qaban ture, warra masaraa mootummaa hogganutu nyaata fichisiisee keessummaa ittiin gaggeessaa ture jedhaniiru abukaatonni.

Himannaa kanarratti ministirri mummee Netaanaayaahuu, ''Saaraan dubartii cimtuufi kabajamtuu dha, waan dalagde keessaa balleessaan tokkoyyuu hin jiru, jedhaniiru.''

Bara 2106, manni murtii af-yaa'ii Ministirri Mummee iddoo hojiitti miidhaa narra geessisu jedhanii himataniif beenyaa qarshii doolaara 47,000 kennisiiseera. Dhaddachichi himannaa af-yaa'iin ministirri mummee na arrabsaniiru jedhaniis fudhate ture.

Kana malees, ministirri mummeen kuni himannaa gara biraa qabu. Abbaan alangaa biyyattii qarshii waliin dhauun,matta'aafi amanamumaa hanqisuun akka isaan himachuuf jiran gurra buusaniiru.

Onkololeessa dhufuus ministirri mummee Netaanyaahuu abukaatoo isaanii wajjiin himannaa irratti dhiyaate ni falmatu jedhame eegama.

Netaanyaahuun duula bu'aa siyaasaaf narratti baname dha malee ''badii hin dalaganee'' jechuun haalaniiru.