Kaanaadaa: Dhugaa boyyoota biraarraa baqattoota miliyoonaan simachuuf gaafatteettii?

Juustin Tirudeau hawaasaaf haasaa taasisaa osoo jiruu

Madda suuraa, Getty Images

Oduun Ministirri Mummee Kaanaadaa, Justiin Tirudeau, daqattoonni miiliyoonaan lakka'aman biyyoota biraa irraa gara Kaanaadaa akka dhufan affeeranii jiru oduun jedhu balinaan odeeffamaa jira.

Biyyoonni akka Naayijariyaa, Keeniiyaa, Zimbaabwee, Zaambiyaa, Gaanaa fi Filippiins kanneen baqattoota akka dhiyeessan gaafataman keessaatis jedhama.

Garuu odeessaaleen kunneen dhugaa akka hin taane mirkanaa'eera.

Barreeffamichi maal oddeessa?

Barreeffamichis biyyoota kanneen caqasuudhaan akka waan biyyi Kaanaadaa haala sagantaa baqattootaa haaraan namoonni miliyoonotaan lakkaawaman gara biyyattii akka dhufan haafferte hima.

Pirezidaantiin Zaambiyaa Edgaar Lungu Komishinanrii Olaantu Kaanaadaa Zaamibiyaatti Pamela O'Donnell, harka fuudhaa

Marsariitiin guyyaa dhumaa qabu tokko: ''Ministirri Mummee Kaanaadaa Pirezidaantii Zaambiyaa baqattoota miliyoona tokkoof kadhatan,'' jedha.

Suuraan osoo Pirezidaantiin Zaambiyaa Edgaar Lungu Komishinarrii Olaantuun Kaanaadaa Zaamibiyaatti Paamelaa O'Donnell harka fuudhan mul'isu dhugaadha. Garuu mata dureen dubbichaa gutummaatti soba.

Waajjirri baqqattootaa Motummaa, Kolugaltoota baqattootaa fi lammummaa Kaanaadaa (IRCC) dubbin kana fakkaatu akka hinjirree ifa taasiseera.

Mata dureen walifakkaatuus Kaanaadaan baqattoota miliyoonotaan biyyoota Afriikaa fi Fillippiinsii gaaffatte jedha.

Oduun kun attamiin baballate?

Oduuwwan kunneen hundi soba garuu dubbichi karooruma motummaa Kaanaadaa waggoota sadii keessatti baqattoota miliyoonaan hawwachuu barbaadna jedhanii tura sana kan bu'urreeffate dha.

Imaammanti kunis biyyoota adda baasee hin xiyyeeffanne ture.

Naayijeriyaa keessatti, oduun jalqaba ebla keessa baatee ture fuula feesbuuk irratti yeroo kumoota hedduu qoodameera.

Innis namoota midiyaa hawaasaa fayyadamanii fi hordooftoota miliyonaan lakkaa'aman qabaniin fudhatamee maxxanfame.

Kuun dhugaa miti yoo jedhan kanneen hafan ammoo gara Kaanaadaatti imaluuf guca guutuuf geessituu gaafataa turan.

Innis Reddit, blogariiwwanii fi gareewwan feesbuuk baayyee irratti maxxanfame.

Kaanaadaan dhimmichaaf deebii attamii kennite?

Komishiniin Olaanaa Kaanaadaa kan Naayijeriyaa fi Keeniyaa keessatti argaman, namoonni akka oduu sobaa kanaan hin burjaajofne akkeekachiisaniiru.

''Fuula midiyaa hawaasaa kee irratti geessitu kana yoo agarte hincuqaasiin. Oduunsaa dhugaa miti, jechuun ergaa tiwitaraa irratti maxxansan komishiniin olaanaa Naajeeriyaa.

Odeeffannoon sobaa Naajeriyaanota gara Kaanaadaatti imalu barbaadan irratti xiyyeefachuun dhiyaatu kana duras raabsamaa ture..

Bitooteessa keessa ammoo qondaaltoonni Kaanaadaa Naajeriyaa keessaa akeekachisa biraa ummataaf maxxansanii turan. Innis ergaa warra iyyannoo visaa gara Kaanaadaatti imaluu mo'atan ilaalchisuun bahe ture.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Qondaaltoonni IRCC odeeffannoo intarneetii irraa marmaaru yeroo hunda akka to'atan BBC'tti himaniiru.

"Yoo oduun sobaa marmaaruu eegalu, dhugaa jiru himuuf nutis atattamaan deebii kennu qabaanna,'' jedhu qondaaltoonni.

Dhugaa jiru garuu maaliidha?

Erga bara 1990 asii baqattoota miliyoona jahatu Kaanaadaa gale. Bara dhihoo keessa ammoo haalli dhufaatii baayyee haalaan dabalaa jira.

Iyyannoon lammummaa Kaanaadaas Onkololeessa bara 2017 hanga Waxabajjii 2018'tti %130 gudddateera.

Permanent residents admitted into Canada in 2017. . .

Baqattoota kanneen gara Kaanaadaatti imalaa jiran biyyoota 10 keessaa lammiileen Naayijeeriyaa fi Filippiinsi baayyeedha.

Biyyattiinis baqattootaa hawwachu kan barbaaddeef lakkoofsi ummata omishuu danda'uu xiqqaachuu fi haalli dahumsaa gadi bu'usaatiin walqabateen rakkina humna omishaa Kaanaadaa hambisuuf yaadameeti.

Karoora ammaan tana jiruunis waggoota sadii keessatti jechuunis bara 2019 tti baqattoota 330,800, bara 2020 tti baqattoota kuma 341 fi bara 2021'tti baqattoonni kuma 350 akka biyya keessa galan hayyamuuf.