Afaan Oromoo: Baankileen afaan tajaajila ittiin kennan attamiin murteeffatu?

Madda suuraa, Getty Images
Baankiin Awaash maamiltoota isaaf unka tajaajila ittiin kennu Afaan Oromoon qopheessee hojiirra oolchuun isaa tibbana miidiyaa hawaasummaarratti qeeqa kaasee ture.
Qeeqi kunis Afaan Oromoo heera mootummaan afaan hojii biyyattii osoo hin ta'iin baankichi ittii hojii maaliif eegale kan jedhudha.
Baankichi garuu erga unka kanaan tajaajila kennuu eegalee waggoota lamaa ol ta'uufi sababni kana godheefis maamiltoota isaaf tajaajila si'ataa kennuuf akka ta'e beeksiseera.
Dubiin baankichi Afaan Oromoon unka haaraa qopheesse jedhamee amma miidiyaa hawaasummaarratti oofamaa jiru sirri mitii jedhu hoogganaan kominikeeshinii waajira muumme Baankii Awaash Obbo Eebbisaa Dirribaa.
"Dhimma siyaasa ofiif fayyadamuuf jecha kan dhufe malee unka kanaan tajaajila kennuu erga eegallee waggaa lamaa ol ta'eera" jedhu.
Baankichi fedha maamiltootaa guutuu qofa bu'uura godhachuun Afaan Oromoo, Afaan Tigiree, Afaan Ingilizii fi Afaan Amaaraan tajaajila kennaa akka jiru himu.
Fedha maammiltoota isaa kana bu'uura godhachuun Afaanota biroonis unka qopheesse tajaajila kennu akka itti fufu obbo Eebbisaan himaniiru.
''Afaan Chaayinaa ykn Mandariin osoo hin hafiin guca qopheessaa jirra. Sababni isaas kaayyoon keenya maamiltoonni tajaajila baankii nuti kenninu karaa kamiin haala salphaa ta'een argachuu danda'u kan jedhuudha.''
Sadarkaa federalaatti afaan hojii Afaan Ingiliziifi Afaan Amaaraa ta'ee osoo jiru akkamitti baankichi Afaan Oromoon tajaajila kenna qeeqa jedhuuf, "kun dhaabbata mootummaa miti" jedhu Obbo Eebbisaan.

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasummaa
''Kuni biiroo mootummaa miti baankii daldalaaf dhaabbatedha. Tajaajila maamiltoota keenya gammachisu kennuuf barbaanna kanaaf waan isaan barbaadaniin tajaajilla.''
''Baankiiwwan kaan waaliin walbira qabnee yeroo ilaalluu gama kanaan inummaayyuu barfanneerra kaan yeroo dheeraa dura itti galanis'' jedhu.
Afaan Oromootti dhimma bahuun fedha maamilaa guutuurra kan darbe hiikni biraa itti kennamu hin jiru kan jedhan Obbo Eebbisaan, duudhaa, Afaanii fi Aadaa Oromoo guddisuuf garuu kallattii garaagaraan hirmaachaa akka jiran himu.
''Koonsartii, kitaabileee, Aartistoota, buqqaatotaa fi dhimmoota Oromoo hundarratti quuqama qabnuun gargaarsa gochaa jirra''
Baankiileen guca Afaan Oromoon tajaajila kennuu yoom eegalan?
Baankiiwwan Daldalaa dhuunfaa keessaa Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa guca Afaan Oromoon Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii hunda keessatti tajaajila kennuu kanneen eegalan keessaa isa jalqabaati.
Baankiin kun waggaa 14 darbaniif daameelee isaa Finfinnee keessa jiran hunda maqaa isaanii ganaamaan moggaasuu fi jalqabarratti qubee Afaan Oromoon dameelee isaa hunda katabuun hojii akka eegale Daayireektara Qorannoo Gabaa fi Kominikeeshinii Bizinasaa Baankichaa Obbo Ballaxaa Waaqbeekaa ni himu.
''Guca Afaan Oromoon qopheessuun maamiltoota Afaan Oromoon tajaajilamuu fedhaniif dhiyeessuun tajaajiluu erga jalqabnees waggoota shan, jaha ta'a'' jedhu.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Qonnaan bultoota Oromoon hundaaa'e uumamuu isaarraa qabee aadaa, safuu fi Afaan Oromoo qabatee gara hojiitti akka gale dubbatu.
Baankii Biyooleessaan akka to'ataman kan dubbatan Obbo Ballxaan, Afaan hojii ilaalchisee seerri waliin itti wal-hordofan jiraatus fedha maamilaarratti hundaa'uun afaan itti tajaajilli kennamu garuu dhiibbaa tokko malee baankileen murteessuu danda'u jedhu.
Seera naannoleefi bulchiinsotni magaala afaan hojiirratti qaban kabajaa kanuma duukaammoo fedha maamiltootaa guutuuf akka hojjetanis himu.
Afaan Oromoon tajaajiiluun dhiibbaa akkamii fide?
Wanti tibba kana miidiyaa hawaasummaarratti haasa'amaa jiru tokko hubannaa dhabuurraa lammata ammoo jibba namootni dhuunfaa ykn gareeleen Afaan Oromoof qaban irraa kan maddu ta'a jedhu hoogganaan kominikeeshinii Baankii Awaash Obbo Eebbisaan.
Waggoota dheeraaf Afaan Oromoon tajaajila kennaa kan jiru Baankiin Hojii Gamtaa gama isaan sababa kanaan maamiltootni irraa baqatanillee akka jiran hima.
''Gara jalqabaa Afaan Oromoon maaliif barreessu jedhanii keessumaa yeroo jalqabaa arrabsoon nu qaqqabaa ture'' jedhu Obbo Ballaxaan.
Afaan Oromoon hojjechuurra darbees baankii Oromooti jechuun maamilummaa keenya kan dhiisanis jiru jedhu.
Afaan tajaajilli baankii ittiin kennamu fedha tajaajilamaa guutuurra darbee hiikaan siyaasaa itti kennamuu hin qabu jedhu ogeeyyiin kunneen.















