Ameerikaan dhibee Gifiraa waggaa 25 as isa hamaadha jedhameen rukutamte

Madda suuraa, Getty Images
Angawoonni Fayyaa Ameerikaa guutuu biyyattii keessatti namoonni 700 ta'an dhibee guutummaatti hambisuun dand'amu kanaan qabamuu beeksisaniiru. Seenaa waggaa 25 keessatti kun isa hammaataadhas jedhaniiru.
Gidduu galli to'annoo fi ittisa dhibee biyyattii kutaalee biyyaa(isteetoota) 22 keessatti weerarri kun dhalachuu ibsuun harki caalaan namoota miidhamaniifi daa'imman hin talaallamne dha jedheera.
Hanga ammaatti sababa weeraara gifiraa kanaan namni lubbuun darbe jiraachuu baatuus bara 1994 booda weerara dhibee kanaa isa yaaddessa ta'uutu dubbatamaa jira.
Barreessaan tajaajila Fayyaafi Namoomaa biyyattii Aleeks Azaar ''miidhamni har'a argaa jirru kan guutummatti hambisuun danda'amuudha'' jedhan.
Qondaalli kun maatiiwwan odeeffannoo saayiinsaawaa hin taane irratti hundaa'uun daa'imman isaanii talaallii kana yoo talaalsisan rakkoo fayyaa biroo akka 'autism'f saaxiluu ta'a jechuun talaalsisuu dhiisuu komataniiru.
Talaalliin dhibee kanaa talaalliiwwan qorannoo hedduu booda argame ta'uu isaatiin balaa biroo hin qabus jedhaniiru.
Bara 2019 keessa namoota biyyoota birootti imalanii deebi'an 40 ta'aniin dhibeen kun gara US galuufi biyyoota akka Yukreen, Israa'eel fi Filipiins irraa yeroo baayyee dhibeen kun dhufaa akka jiru adda baasuun beekameera.
Ameerikaan bara 2000'tti dhibeen kun dachee isheerraa baduu labsitee kan turte ta'uus, namoonni biyyoota dhibeen kun bifa weeraraan itti dhalateerraa dhufan garuu dhibicha fidanii dhufuu akka malan ogeeyyiin fayyaa ni dubbatu.
Lakkoofsi namoota weeraara dhibee gifiraan miidhamaniii ji'ootan sadii bara 2019 yeroo walfakkaataa bara darbee waliin walbira yoo qabamuu dachaa sadiin caaluun isaa na yaaddeseeraa jedha Dhaabbatni Fayyaa Addunya.
Afrikaa keessatti 700% weerarri kun dabaleera jedha qorannoon dhaabbatichaa.
Itoophiyaa keessattis weerarri dhibee kanaa lubbuu namootaa dabarsaa jira.













