Indoneezhiyaatti namoonni 270 sagalee filannoo osoo lakkaahanii du'an

Madda suuraa, Getty Images
Indooneezhiyaatti namoonnii 270 ta'an sa'aatii dheeraaf sagalee filannoo miiliyoonaan lakkaawamu boqonnaa malee lakkaahaa turan dhukkuba dadhabbii waliin walqabatuun lubbuun isaanii darbuu aangawoonni beeksisan.
Dubbii himaan Komiishinii Filannoo waliigalaa biyyattii Ariif Priyoo Susaantoo namoonni 1,878 ta'an biroon dhukkubsachuu himaniiru.
Lakkaawwii sagalee filannoo Ebla 17 kana namoota miiliyoona torba ta'antu gargaaraa ture.
Haala mijataa hin taane keessatti halkan guutuu hojjechuuf dirqamuu isaaniitu madda rakkoo kanaatii jedhame.
Biyya lammiilee miiliyoona 260qabdu kana keesattii maallaqa qusachuuf jecha filannoon manneen maree biyyaaleessaa fi naannolee kan pireezidantummaa waliin walumatti yeroo gaggeefamu kun isa jalqabaati.
Namoota sagalee kennuuf mirga qaban miiliyoona 193 keessaa 80% kan ta'an buufataalee filannoo 800,000 ta'anitti sagalee isaanii kennaniiru.
Ariif Priyoo Susaantoo akka jedhanitti namoonni 272 hangaa ol hojjeechuun lubbuun isaanii darbe.
Indoonezhiyaan maatii namoota du'an kanaaf mata mataatti beenyaa Ruupii(maallaqa biyyattii) miiliyoona 36 ( $2,500) kaffaluuf.
Qeeqxonni mootummaa filannoowwan gurguddoo lamaan kana walummatti qabee gaggeesuu qeeqaniiru.
Dorgommii Pireezidantummaan kan aangoorra jiraniifi morkaataan isaanii anatu mohe jechaa kan jiran yoo ta'u bu'aan filannoo ifatti kan beekamu guyyoota 23 booda.













