Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaafi Itoophiyaan akkamitti walitti dhiyaatan?
Jilli anga'oota olaanoo Ameerikaa biyya ardii Afrikaatti michummaa cimaa waliin qaban dhaqanii deebi'an. Akkamittin hariiroon biyyoota lamaanii cime? Gaazexeessaa Jeemsi Jefarii waan himu qaba.
Magaala Waashingten battaluma akka seenteen lammilee Itoophiyaa hedduu argita.
Starbucks fi tajaajilli taaksii tumsa biyyoota lamaanif bu'uura. Lammileen Itoophiyaa diyaaspooriyaa Naajeeriyaatti aanuun baayi'naan Ameerikaa keessaa jiraatan. jijjirama siyaasa jalqaba bara 2018 eegale keessatti qooda olaanu gumaachaniiru.
Jijjiramni kun hidhamtoota siyaasaa hiikuu, miidiyaaleerraa uggura kaasuu, dirree siyaasaa bali'isuu akkasumas, aangoo bulchiinsa mootummaan bifa haaraan qoddaachuu fa'aa of keessatti hammata.
Lammileen duraan biyyaa bahan dhaabbile Tv fi marsariitii gargaaraa hoogganaa jiru.
Imaammanni dantaaa alaa Ameerikaas dambalii bara darbee deeggaree jira. Keessattuu mootummaan Itoophiyaa filaannoo biyyaaleessaa bara dhufu filatamuuf akka of qopheessu.
Miseensonni Kongireensii Ameerikaa Itoophiyaa fi Eertiraa dhiyeenyatti daawwatanii deebi'an.
Wayita sana Ambaasaaddarri Ameerikaa Maayikil Reeynar Ameerikaan dinagdee biyyattii akka deeggartu himan.
Hariiroo gar-lamee addaa
''Biyyoota Afrikaa keessaa hariiroo akkasii kan Ameerikaa waliin qabu hin jiru,'' kan jedhu Teewdiroos Tirfee, dura taa'aa waldaa saba Amaaraa Amerikaa jiraataniiti.
Hariiroon garlamee biyyoota lamanii bara 1903 irraa eegala.
Ameerikaan biyyatti maallaqaanis ni deeggarti. Waggoota 5'n darban qofayyuu doolara Biliyoona 4 deeggarsa namoomaatiin kenniteef.
Waggaa lama dura maallaqni lammileen Itoophiyaa biyyoota garagaraa jiraatan gara biyyaatti ergan Doolara Biliyoona 4tti akka tilmaamuu gabaasni komishinii Gamtaa Awuroppaa agarsiisa.
Maallaqa kana harka caalu firoottan isaanii deeggaruf ergu garuu, kaan maqaa bilisummaa jedhuun paartiilee mormituus maallaqaan deeggaru.
Ethiopian Advocacy Network gartuu jedhamu waliin kan hojjattu Gannat Nigusee, Ameerikaa jiraachuun koo mirga namoomaa fi haqummaa haalan itti hubadhuu jijjiree jira jette.
Ameerikaan sirni dimookiraasi biyyattii kessaa akka jiraatu deeggaraa jirtii jetti. Lammilee Itoophiyaa miiliyoonatti lakka'aamanitu Ameerikaa jiraata. Isaan keessaa 250,000 Waashingten D.C, Verjiniyaa fi Meerilaand jiraatu.
Obboo Teewidiroos ''yoo hojjatte milka'iinarraa waanti si daangeessu tokkollee hin jiru,'' jedha.
Milkaa'inni namoota ogummaa doktorummaa, Injinaringii fi kaanii namoota biroos fakkeenya ta'anis jiraachuu hime.
Lammileen Itoophiyaa koolugaltummaa siyaasaa fi barnootaan Ameerikaa seenaan akkuma jiran, kaanis Viizaa yerootiin biyyatti seenanii otoo hin galma'iin biyyatti keessaa jiraatanillee jiru.
Siyaasa Diyaasporaa
Ta'iiwwan biyyatti keessatti raawwataman gaazixessitoonni, biloogaroonni, rogeeyyiin fi hayyoonni qeeqa dhiyeessu.
Bara darbee garuu hooggantonni paartilee siyaasaa dhorkamanillee gara biyyaatti deebi'an.
Ginbot 7, Paartiin pirofeesar Biraanuu Naggaan hunda'ee fi Andargachoo Tsiggee gartuun Eertiyaa turan gartuu kana keessa turan.
Haaluma wal fakkaatuun Addi bilisummaa Oromoo biiroosaani Waashingten D.C keessaa qabaatanis fi Eertiraa keessaa kaampii waraanaa qabu turan.
Yunivarsiitiiwwan beekamaa tahan keessaa tokkotti kan barate Jawaar Mohaammad, mormii bara 2015 amma 2018tti tureen, dargaggoota sochii bilisummaa fi dimookiraasiif qeerroo dammaqsuu keessatti qooda jabduu gumaache.
Qeerroon rogeeyyii dargaggoota Oromoo diddaa fi mormii keessatti hirmaachuun Mummicha Minstiraa duraanii aangoorraa buuse.
Diyaasporaan Ameerikaa jiraatu dhaabbilee mirga namoomaa fi miidiyaalee idila addunyaa quunnamuun dhiibbaa mootummaatti jabeessaa turan.
Otoo Muummichi Ministiraa Dr. Abiyyi Ahmad waadaa seenanii aangoo hin qabatiin torban tokko dura, Ameerikaan immammata mootummaa Itoophiyaa qeequ baastee turte.
Murtoon HR-128 - tarkaanfii qaamole nageenya biyyatti balaaleffatu, hidhaa fi seera farra shororkeessummaa barattoota, gaazixeesstoota ukkaamsan kan balaaleffatu turan.