Wal dhabdee daangaa Boosatiifi Fantaalleetti uumame

Wal dhabdee daangaa Boosatiifi Fantaallee

Godina Shawaa Bahaa aanaalee Boosatiifi Fantaallee lafa Naannoo Amaaraa waliin wal daangessan irratti lola guyyoota afran darbaniif adeemaa tureen gama lamaanirraa yoo xiqqaate namoonni 7 ajjeefamaniiru jedhu aanga'oonni.

Wal dhabdeen kun lola humna leenji'e kan hidhannoo guutuu qabuun babal'ifannaa daangaaf nurratti labsamedha jechuun jiraataan Aanaa Fantaallee tokko BBC'tti himeera.

Lolli kun deemaa jiraachuu quba qabna kan jedhan jedhan Ajajaan Poolisii Godina Shawaa Bahaa Komaandar Shifarraawu Guutuu gama naannoo Oromiyaa irraa namoonni 4 lubbuu dhabuu BBC'tti himaniiru. Namoonni hedduun madaa'aniirus jedhu.

Waldhabdeen akkanaan kanaan duras ture, kan miilanaa garuu daangaa babal'ifannaadha. Qaamolee daangaa babal'ifachuu barbaadaniifi nagaa hin feenetu duuba jiras jedhu.

Poolisiin Oromiyaa wal-dhabdee daangaa naannolee lama gidduu galuu hin danda'u, haa ta'u malee poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa biyyaa waliin taane irratti hojjechaa jirras jedhaniiru.

Uummanni ijaaramee qe'ee isaa eeggachuu akka qabus dhaamaniiru.

Gama kaaniin Dubbi himaan Mootummaa Naannoo Amaaraa Obboo Asamahenyi Asres Wal-dhabdeen kuun hidhattoota gama naannoo Oromiyaan kan eegale akka ta'e odeeffannoon nu gaheera jedhu.

Gama isaaniin namni sadi lubbuu dhabuus BBC'tti himaniiru.

Waldhabdee kana furuuf mariin bakka bu'oota mootummaa naannolee lamaaniifi mootummaa Federaalaa akkasumas jaarsolee biyyaa hirmaachise Adaamaatti taa'amaa akka jiru odeeffannee jirra.