Bu'aa bayii daa'imman jaha takkaatti guddisuun qabu

Madda suuraa, Lauren Perkins
Dubartiin tokko Yunaayitid Isteet magaalaa Hiiwustan keessatti daqiiqaa 10 hin caalle gidduutti daa'imman 6 takkaatti deesse. Daa'imman kana akkamiin guddisti laata?
Hawaasa sana keessatti jechamni daa'ima tokko guddisuuf ganda tokkotu barbaachisa jedha, da'imman jaha takkaatti dhalatan giddisuuf garuu hangam akka gaafatu hin jiru.
Laawureen Paarkiins takkaatti daa'imman jaha akka dahuuf jettu gaafa bartu ''daran naatee'' miira addaatu natti dhagaahamee turee jetti.
Sirni deeggarsaa wayii nu barbaachisa jedheen yaade, sababni isaas haalli itti waan kana keessa ofiin baanu hin jiru'' jechuun BBC'tti himteetti.
Laawureen carroomtee lakkoofsi maatii ishee takkaatti jahaan gaafa dabalu hawaasni naannichaa deeggarsaaf itti siiqan.
''Waggaa isa jalqabaa isaaniin alatti hin dandamannu ture'' jetti.

Madda suuraa, Lauren Perkins
Daa'imni inni jahaffaan rakkoo guddinaa muraasa godhatee ture.
Daa'imman jahan kana sooruu, dhiquufi uffisuuf yeroon ishee hanqataa akka tures himti.
''Galgala guyyaa hundumaa guyyaa itti aanuuf aannan qaruuraatti guuteen kamtu kan eenyuu akka ta'e fi sa'aa meeqatti akka fudhatamuu qabu adda baaseen firiijii keessa kaha.''
Fedhiin soorannaa isaanii gargar waan ta'eef, maatiin kun gosa aannan foormulaa afur fayyadamu ture.
Namoota gargaarsa isheef dhufaniif dabaree tolchiteetti.
''Hiriyyoonni keenya halkan dabareen dhufanii daa'imman sooru, qaama dhiquufi huccuu miiccuun gargaaru. Waggaa guutuu hirbaata nuu fidaa turan,'' jechuun himti.
Maaltu takkaatti daa'imman hedduu dahuuf sababa ta'a?
Seenaa maatii daa'imman lakkuu horachuu dabalatee, ulfa umurii 30 booda uumamuufi sababootni biroon hedduun jiru.
Dubartootni Ameerikaa qacceen isaanii Afrikaa ta'e kaan caalaa carraa lakkuu dahuu qabu. Dubartoonni adiin ganna 35 ol jiran ammoo carraa takkaatti daa'imman sadii fi isaa ol dahuu guddaa qabu.
Teekinolojiiwwan walhormaataa akka 'In Vitro fertilization' jedhaman yeroo dhiyoo as carraa takkatti daa'imman hedduu godhachuu dabalaa jiru.
Akka ragaaleen mul'isanitti Ameerikaa keessatti namoonnii daa'imman hedduu takkaatti horatan yaala 'fertility treatment' fudhachuuni.
Bara 2017 keessa ijoolleen 31 takkatti shanii fi isaa ol ta'uun dhalataniiru.

Baasiin aannanii itti cimuu kan dubbattu Laawureen huccuuwwan salbaajii akka uffistus himti.
''Guyyaa dhalootaa isaanii gaafa kabajnu daa'imman hunda kanaaf daayipariifi huccuu gaafanna''

Madda suuraa, Lauren Perkins
Yeroo ijoolleen kun xiqqoo guddatan ammoo sosochii isaanii hodofuutu bu'aa bayii guddaa ture jetti haati ijoollee jahaa.
Hanguma guddachaa deeman dhiheessiin salphachaa deemuus nama hanga kanaa fi wacni isaanii rakkoo ta'u dubbatti.

Madda suuraa, Lisa Holloway
Amma ijoolleen ishee ganna 7 guutaniiru. Wantootni ulfaatoon hedduun isaani darbanii amma akkuma maatii tokkootti jireenya itti fufteetti.
''Kuni addadha, takkaattiin waan hunda godhe kuni na gammachiisas na gaddisiisas,'' jechuun himti.

Eemii fi Chaadis carraan daa'imman lakkuu guddifachuu erga jalaa fashalaa'ee booda takkaatti daa'ima shan argatan.
Eemii fa'iifis rakkoo inni guddaan haala soorataa isaanii ture.

Madda suuraa, Amy Kempel
Yeroo isaan sooruuf gubnu hir'isuuf jecha hunda isaanii yeroo walfakkaataatti sooruuf murteessan maatiin kun.

Madda suuraa, Chad Kempel
Daa'imman shanan kun obbolaa lama qabaataniis shanan takkatti guddisuun heddu ulfaataa ta'uu himti Eemiin.
Osoo hin gahiin waan dhalataniif yeroo dheeraf hospitaalatti 'incubator' keessa turuun isaanii daranuu rakkisaa akka tures himti.

Madda suuraa, Amy Kempel














