Ajab! Namtichi Awustraaliyaa bilbila mobaayilaatin xiyya ofirraa qolate

The man's damaged phone seen with an arrow through it

Madda suuraa, NSW POLICE

Ibsa waa'ee suuraa, An Australian man's phone was pierced by an arrow

Bilbilli moobaayilaa dhugumatti lubbuu namaa oolcha - keessattuu xiyyi saffisaan yommuu gara keessanitti dhufu.

Akka poolisiin jedhutti kun dhara yookaan qosaas miti. Namtichi lammii Awustraaliyaa ganna 43, namtich biraan xiyyaan haleelame.

Dubbichi kan eegale namtichi xiyyaafi guubee (meeshaa xiyyi itti darbatamu) dugdatti baate kun namticha kana mana isaa fuulduratti argee haleeluu eegale.

Namtichi abbaa manaa namticha xiyya baatee isa rakkisaa jiru kanaan moobaayilasaa baasuun suuraa kaase. Xiyyichis itti darbatame. Suuraan kaasa jedhee moobaayilli baase gaachana taheef.

Akka poolisiin jedhutti, xiyyichi moobaayila namtichaa guutummaatti uuree seeneera. Achiis fuulasaa rukutee, miidhaa guddaa jalaa garuu ooleera. Madaa xiqqoo qofa.

The man's damaged phone seen with an arrow through it

Madda suuraa, NSW POLICE

Ibsa waa'ee suuraa, The alleged attacker has been charged by police

Namtichi ganna 39 xiyyaa fi guubee baatee deemu kun battaluma iddoo sanaatti to'annoo jala ooleera.

Taateen kun kan uumamees guyyaa Roobii Kutaa Biyyaa Niiw Saawuz Weels magaalaa Nimbin jedhamtutti. Kunis magaalaa Birisban irraa km 180 fagaata.

Namoonni lamman kunniin duraan walbeekuu jedheera poolisiin. Kanarratti garuu dabalataan waanti jedhe hinjiru.

Namtichi ganna 39 kunis nama miidhiuunii fi qabeenya mancaasuun himatameera. Ji'a dhufuttis mana murtii dhiyaata.