Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Tawaldee G/Maariyaam: ''Hanga ammaatti qaama namaa guutuu ta'e hin arganne''
Balaa xayyaaraa ET302 hordofee, adeemsa qorannoo fi ittisa balalii Itoophiyaan dabarsite irratti BBC'n Hoji-gaggeessaa Olaanaa (CEO) Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa obbo Tawaldee G/Maariyaam waliin turtii taasisee jira.
"Dilbata darbe yeroon ani bakka balaan xiyyaaraa kuni itti gahe dhaqqabu, xiyyaarichi guutummaan guutuutti lafa keessa seeneera.
Gubbaarraa yoo ilaaltu homtuu wanti xiyyaara fakkaatuus ta'ee ibsu hin mul'atu," jedhu obbo Tawaldeen.
Kanaafuu reeffa namaas ta'ee qaamota xiyyaaricha aragachuuf laficha qotuun ala filannoon biraa akka hin turre himan.
"Baayyee wanti nama gaddisiisummoo hanga ammaatti qaama namaa muraasa ta'e malee qaama namaa guutuu ta'e hin arganne.
Kunimmoo hojii hafuuf qorumsa guddaa ta'a jedheen yaada, maatii miidhamtootaatis kana hubachiisaa jirra,'' jedhu.
Sababootni balaan xiyyaaraa ittiin gahuu malu hedduun waan jiruuf, tilmaama kennuun sirrii ta'uu baatus, balichi haalli itti gahe kan biyya Indooneezhiyaatti gaheen akka walfakkaatu himan.
"Lamaanuu xiyyaara gosa tokko, lafarraa olka'aniis osoo baay'ee hin turini kan kufan, yeroon balaliinsaa isaaniis gabaabaadha, xiyyaarri keenya daqiiqaa 6 booda kan Indooneezhiyaa ammo daqiiqaa 8 booda kan kufanii caccaban."
Ragaalee kanneen akka ka'umsaatti fayyadamuuniifi nageenya imaltootaaf dursa kennuuf xiyyaarota kanneen balaliirraa ittisuun barbaachisaa ta'uu eeran.
"Ani gamakootin haala hanga ammaatti hubannerraa akkana ta'uu qaba jedheen yaada.
''Murtee sirrii fudhanne''
Biyyootni teeknolojiidhaan fagaataniyyuu ilaalanii kan xiyyaarota kanneen balaliirraa ittisan sababa gahaa ta'e waan argataniifi.
Nutis nageenyaaf ofeeggannoo dursaa barbaachisaa ta'e gochuuf jecha battalumatti kan ittisa irra keenye. Kunis waan sirriidha jedheen yaada."
Isaan kana haa jedhan malee Dhaabbanni Booyiingis ta'ee aviyeeshiniin Ameerikaa xiyyaarotni kunneen balaliif amansiisoo ta'uu ibsanii turan.
Obbo Tawaldeen kuni itti dhiheenya dhaabbileen kunneen dhimmichaaf qabanirraa kan maddedha jedhu.
"Booyiingi dhaabbata xiyyaaricha omishe waan ta'eef xiyyaarichi amansiisaadha akka jedhu ni eegama.
Xiyyaarichaaf heyyama argachuuf jecha adeemsa qorannoo fi to'annoo keessa waan darbaniif sababa mataa isaanii qabaachuu malu.
Haa ta'uutii xiyyaarrii haaraan ji'a shan keessatti kutaalee addunyaa garagaraa keessatti balaawwan hamoo lama geessisuu isaa yoo ilaallu xiyyaaricharra ittisa kaa'uu keenyaaf ibsa gahaa kan kennudha."
"Akkaataa Boeing jedhuun paayileetota leenjisneerra''
Xiyyaarri Indooneezhiyaa Lion Air erga kufee caccabeen booda dhaabbanni Booyingi itttisa kana qolachuuf qajeelfamoota kan erge yoo ta'u daandiin xiyyaaraa Itoophiyaas qajeelfamoota kanneen fudhatee hojiirra oolchaa turuu eeran obbo Tawaldeen.
"Akkaataa isaan jedhaniin paayileetota leenjisneerra, qajeelfamoota kanneenis adeemsa leenjii fi hojii keessatti guutumaan galchineerra, garuu kuni gahaa waan ture hin fakkaatu".
Daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa gosa Xiyyaara kufee caccabe kanaa bituuf karoora qabatee akka ture kan himan obbo Tawaldeen, amma garuu hanga gabaasni garee qorannooo balaa bahutti akka tursiisan himan.
"Amma gaaffilee deebii hin arganne hedduu qabna. Deebii kan argatan garuu qorannoo irraa qofa. Kanumaafis ofeegannoo dursaaf jecha xiyyaaricha irra ittisni akka kaa'amun gorsa".
Boeing maal murtesse?
Dhaabbannii xiyyaara dhiyeessu Boeing gamasaatiin lafa balaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa, ET 302, ragaa haaraa argate booda xiyyaarota 737 Max hunda hojii dhaabsise.
Dhaabbatni oomisha xiyyaaraa Ameerikaa kun xiyyaarota 371 hunda yeroof hojii akka dhaabsisu beeksise.
Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) ragaa haaraafi daataa satilaayitii haaraa irratti hunda'uun murtee xiyyaroota kana hojii dhaabsisu irra ga'e.
Kanaan dura yeroo biyyootiin heddu gosa xiyyaaraa kana hojii dhaabsisuuf murtessanitti FAA'n didee ture.