Finfinneetti abbaa qabeenyaa taaksii jaarroleef tajaajila bilisa kennu

Madda suuraa, Maarqoos Zarihuun
Maarqoos Zarihuun jiruusaa kan gaggeessu taaksii 'Laadaa' jedhamtu oofuuni. Konkolaachisaan kun foddaa taaksiisaa isa dubaarratti barreeffama ''maanguddootaa fi warra dadhabootaaf tajaajila geejjiba bilisaa kennina,'' jechuun bilbilasaa waliin maxxanseera.
Warreen humni isaanii dadhabe karaarra argee bira darbuun natti ulfaata kan jedhu Maarqos, keessattuu dubartoota ulfaa bira darbuuf garaan koo na dida jedha.
Hojiin isaa namoota hedduu biraa beekamtii akka argatu isa taasiseera. Maarqos iddicha hin jiru yoo taheyyuu, bilbilanii yaamu.
''hojjachaa yoon hin jiraanne ariitiinan dhaqee deeggara ''jedha.
''Taaksiin duwwaa wayita ta'u hin jaaladhu.''
Namoota akkasii deeggaruurratti wayita xiyyeeffattu hojii keetiin walitti si jalaa hin bu'uu? jennee Maariqoosiif gaaffii dhiyeessine turre.
''duranuu ani homaa yaadee hin beeku, hojii koo wajjiinis walitti na jalaa bu'ee hin beeku. dursee hojii kana yoon eegale gammadaan oola'' jechuun deebise.
Ganamaan akkan manaa baheen namoota umriin raagan tajaajila geejjibaa eggatan karaa qaxxamursee iddoo dhaquu barbaadaniin gaha. namoota 2 ,ykn 5 ta'uu mala.
Imaltoota yoo fe'ee deemu eeyyamsisee namoota deemsa dadhaban konkolaataa yaabbachisa.
''maamiltoonni, hiriyoonni fi namoonni biroo sitti dhiyaatan maal jedhu? gaaffi jedhuuf ''maamiltoonni koo baayyee gammadu. karaa biraa qabadhee wayitan deemellee hin mufatani.kaan garuu karaa isaan barbaadanirraa deemuu dhiifnaan kan mufatanis jiru jedha.''
Namni hundi yaada walfakkaatu hin qabu. hiriyoonni koo garuu jabaadhu kan nuti hin yaadne hojjaattee'' naan jedhu.
Tajaajila Taaksii erga kennuu eegalee waggoota 2 lakkoofsisuu kan dubbatu Maariqoos, Shufeera ta'ee qacaramee wayita hojjataa tureettis hojii akkasii hojjataa turu dubbata.

Madda suuraa, Maarqoos Zarihuun
''Yeroo hedduu iddoo garaa garaatti wayitan imaluu namootan karaa gubbaatti arge hundaan fe'ee darba ture. Qacarameen hojjedha waan ta'eef warri na qacare gammadoo hin turre.
Ani garuu nama rakkate bira hin darbu.''
''Otoon konkolaataa dhuunfaa kooti qabaadhee akkan fedheettin ittin hojjadhan jechaa ture, amma waanin yaaden hojjachaa jira.''
Maarqoos hojii kana wayita hojjatu waan hundii mijataa akka hin turre dubbata.
Namoonni muraasni ''rakkanneerraa iddoo kanatti dafii na qaqqabii jedhani, innii bakka jedhame wayita qaqqabee bilbiluuf qoosaafi jedhu. Dhugaa ta'uusaa mirkaneeffachuufi ''jedhanii akka deebisaniif dubbata.
''Gaazii fixee , fageenya dheeraa iddoon waamametti yeroon argamu ''Amanamummaa kee mirkaneeffachuufi''namoonni jedhanii na rakkisu.''
Kanarraa waanti adda ta'e isa mudatee akka hin beekne kan dubbatu Maarqoos, fuuldurattis hojii qajeelummaa kana cimsee akka itti fufu abdata.














