Kaayilii Jeener biiliyenera addunyaa dargaggeettii ishee jalqabaa tahuu dandeesseetti

Madda suuraa, Getty Images
Kaayilii Jeener addunyaa irraa shamarree jalqabaa umurii xiqqaan biiliyeenera tahuu dandeessedha jedhe barruun Foorbes.
Kaayilii Jeener adunyaa irraa shamarree ofii isheen yeroo jalqabaaf umurii dargaggummaan biiliyenera tahuu dandeessedha jedhe barruu Foorbes.
Shamarreen miseensa maatii Kaardishaan taate kun gurgurtaa dibataa ykn kosmooteksiidhaan yeroo gabaabaatti sooromuu dandeesse.
Umuriin ishee ganna 21 yoo taatu kaampaanii kosmetiksii dhuunfaa ishee erga hundeesitee waggaa sadii qofa. Haa tahu malee gurgurtaa bara darbeen qofa $360m kan tahutti gurguramera.
Abbaa qabeenyaa kaampaanii Feesbuuk Maarki Zuukenbergi biiliyenera kan tahuu danda'e umurii waggaa 23 yoo tahu isa fooyyessuun umurii ishee waggaa 21'n sadarkaa biiliyeeneroota keessa galuu dandeesseetti.

Madda suuraa, Getty Images
"Homaa waanan eegu tokko iyyuu hin jiru. Fuulduratti waan tahu hin tilmaamne" jeette.
Beekamtii akkasii argachuun garuu akka ishee gammachiise barruu Foorbesitti himteetti.
Hundeessaan kaampaanii Amaazon Jeef Beezos ammas kaappitaala $131bn qabaachuun adunyaa irraa 1ffaan dursaa jira. Haa tahu malee qabeenyi isaa waliigalaa doolaara tiriliyoona 9.1 irraa gara
$8.7 tiriliyenatti gadi bu'eera.
Biilgeet $96.5bn dhaan sadarkaa lammaffaan itti aana. Waaren Buufet $82.5bn dhaan sadaffaa yoo tahu adunyaa irraa biiliyeneroota hanga kudhaniitti jiran keessaa namootni torba tahan lammiilee Ameerikaati.
Dubartootni sadarkaa biiliyeneraa keessa galan walumaagalatti 252 yoo tahan isaan keessaa ofii isheen kaampaani hundeesitee kan sooromte lammii Chaayinaa ijaarsa manneen riil isteetii irratti bobbaate Wu Yajun ka jedhamtu yoo tahu kaappitaalli ishee $9.4bn dha.
Dubartootni ofiin qabeenya horachuun sadarkaa sooressota adnuyaa kanneen keessa galuu danda'an 72 gahaniiru.












