Filannoo Naayijeriyaa: Muhaammadu Buhaarii ammas filataman

Deegartoonni Buhaarii akkasiin Abujaa keessatti gammachusaanii ibsachaa turan

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhammadu Buhaarii waggoota arfan itti aananiif akka biyyattii oggananiif irra deebiin filatamu isaanii bu'aan filannoo waliigalaa Sanbata darbee ni mul'isa.

Gaheessi umurii waggaa 76 kunis morkataa isaa itti aanaa pirezidaantii Atiku Abubaakaar garaa garummaa qabxii miliyoona afuriitiin mo'ataniiru.

Paartiin Mr Abubaakaar Dimolkiraasummaa Ummataa (PDP) bu'aa kana hin fudhadhu jedheera.

Duubatti harkifannaa fi jeequmsii haala kenninsa sagalee boodatti kan harkisee yoo ta'u, garuu qaamni bilisaa akka filannichi hatame eeree hin jiru.

Paartii Mr Buhaarii APCn naanoollee biyyattii 36 keessaa 19 keessatti kan mo'ate yoo ta'u, PDPn ammoo naannoolee 17 fi magaalaa gudditti biyyattii Abujaa keessatti irra olee ture.

Filachuuf kan bahanis kanneen galmaa'aniin gadi %35 turan. Komishiiniin filannoo biyyattii Roobii dhufaa qabxicha ifatti hima jedhamee eegama.

Deeggartoonni Muhammad Buhaarii Kanoo keessatti akkasiin gammachusaanii ibsataa turan

Madda suuraa, Reuters

Deeggartoonni Buhaarii tokko tokkoos daandiitti bahuun gammachusaanii ibsataa turan jedhameera.

Buhaariin eenyuu?

Loltuu duraanii kan turan Mr Buhaarii bara 1980n keessa bulchiinsa loltuu baatiiwwan 20f ogannaniiru. Ergasiin booda bara 2015tti kaadhimamaa paartii murmitu ta'uun yeroo jalqabaatiif akka pirezidaantiitti filataman.

Nigerian President Muhammadu Buhari (file photo)

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Muhammadu Buhaarii bara 2015'tti pirezidaantii biyyattii ta'un filataman

Galmeen isaa waajjiraa wal makaadha. Komattoonni Mr Buhaariifilannicha waggoota arfan darbee kan mo'ateef ijjannoo isaa cimaatiif qofa ture.

Deegartoonni Mr Buhaarii garuu malaamaltummaa irratti qabsaa'uu fi Buku Haaram fuldura dhaabbachuu waan gaarii hojjateera jechuu mormuuf. Haa ta'u malees, ammalee dinadgee biyyatti hiikuuf waan hedduu hoojatamu akka qabaatulleen ni amau.