Mormiin lubbuu galaafate Sudaanitti itti fufus ejjennoon Omaar al-Bashir garuu bakkaa hin sossoone

Madda suuraa, AFP/Getty
Humnootiin nageenyaa namoota pirezidantii Sudaan mormuuf karaatti bahanitti gaazii imimmeessituu ijaa dhukaasan.
Mormiin akkanaa ji'a lama seenus pirezidantiin biyyattii garuu ''kanneen qarshiin bitamanii hojjetaniifi'' finciltoota Daarfuritu harka keessaa qaba jedhaniiru.
Qondaaltonni akka jedhanitti namoota 26'tu mormii kanaan lubbuu dhabe, gareen mirga namoomaaf falman garuu lakkoofsa namoota du'ani 40 gahu himu.
Jalqaba mormiin kuni rakkoowwan diinagdeen walqabate eegalus boodarra bulchiinsi Omaar al-Baashir waggaa 30 ture nurraa haa ka'u jechuutti jijjiirame.
Omaar al-Baashir dubbii gaafa Dilbataa Kibba magaalaa guddoo biyyattii Kaartumitti taasisaniin ''namoota mormitoota gidduu jiranitu kanneen hiriira nagaa bahan ajjeesaa jira,'' jedhaniiru.

Madda suuraa, AFP/Getty
Magaalaa Omdurumaanitti immoo kanneen hiriira nagaa bahan gara Paarlaamaa dhaquun mallattoo namoonni bulchaan biyyasii akka gadhiisan gaafatu galchuf turan
Haa ta'u malee, poolisiin gaazii imimmeessituu ijaa dhukaasuun karaati kan deebise yoo tahu kanneen mormiif bahan dadarbachuun isaa gabaafameera.
Bakkeewwan Birriifi Baharii, Bahaafi Kaaba biyyatti argamanattis mormiin ture.














