Raayyaan ittisa daangaa Zaalaambassaarraa akka turuuf uummata naannoo sanaa waliin waliigalameera

Raayyaan ittisaa meeshaa akkuma fe'eetti magaalaa Fatsiitti dhaabbate , Muddee 31, 2018

Madda suuraa, Daniel Girmay

Konkolaattoonni raayyaa ittisa biyyaa meeshaalee waraanaa gurguddaa fe'uun naannoo daangaa Itiyo- Eertiraatii socha'aa turan ummata naannichaatiin kaleessa dhorkamee ture. Har'a garuu marii ajajoota waraanaafi uummata naannoo daangaa sana jiran waliin taasifameen waliigalteerra ga'ameera.

Waliigaltee kana irra ga'uu BBC'tti kan himan Mootummaa Naannoo Tigiraayitti Itti-gaafatamaan Nageenyaa Aanaa Mahaadda Obbo Girmaay Haadushidha.

Aanga'aan aanaa kun akka jedhanitti bakka sana humnoonni raayyaa ittisa biyyaa bakka bu'an amma dhufanitti humniifi meeshaan achi ture bakkuma sana tura.

"Sochiin raayyaa ittisa biyyaa taasisaa jiru daangaa dhiisee deemuuf osoo hin taane miseensota raayyaa ittisa biyyaa waljijjiiruu akka ta'e bal'inaan hawwaasaaf ibsameera. Shakkii uummatichaa erga hubatanii booda ammoo hanga isaani humnni raayyaa ittisaa kan bakka bu'u galaa akka jiru hanga ija isaaniitiin arganitti obsaan turra jedhaniiru," jedhan Obbo Girmaay.

Konkolaataan oraalii fe'umsaa gurguddoon kan raayyaa ittisaa biyyaa gara 20 ta'an meeshaalee waraanaa gurguddaa fe'uun naannoo daangaatii ka'uuf osoo jedhanuu lafa Fatsii jedhamuufi Zaalaambassaarraa fageenya xiqqoorratti argamutti uummataan daandiin cufamee akka hinsochoone taasifamu isaa jiraattoonni BBC Tigrinyaa'tti himuun isanii ni yaadatama.

Uummatichis tarkaanfii danquu kan fudhateef, daangaawwan Zaalaambasaafi Raamaa baatii Fuulbaanaa keessa saaqamanii turan amma motummaa Eertiratiin cufamuu isaatiin ta'uu maddeen himaniiru. Dhimma kanaanis walqabatee shakkii itti uumameera jedhu jiraattoonni.

Naannoo Tigraayitti itti gaafatamaan naheenya waajjira aanaa Giloo Makadaa Obbo Girmaay Haaduush taateen uumame dhugaa ta'uu BBC'f mirkaneessaniiru.

''Uummannis daangaa maaliif akka cufame ilaalchisee ibsi akka kennamuuf gaafateera,'' jedhaniiru.

Haala cufamuu daangaatiin tibbana uumameen wal qabate adeemsa nageenya Eertiraa irratti uummanni shakkii godhachuu isaa mirkanneessaniiru.

''Wayita ammaa waardiyoonni daangaarra yeroo taa'aa jiraniifi daandichi cufaa jiru kanatti, raayyaan ittisa Itoophiyaa eessa deemuuf jedheeti? Sababiin bakka jiru irraa akka ka'u itti taasifame ifaa miti'' gaaffilee jedhan kanneen uummanni kaasaa jirudha ittigaafatamitichi.

Gaaffii ummataa kanaan walqabatees, humni raayyaa ittisa biyyaa konkolaataa sochoosuu dhaabuun har'a uummata waliin marii taasisuuf beellama qabachuu dabalanii himaniiru.

Guyyaa tokkoon duras raayyaan ittisa biyyaa Aanaa Iroobii ture kan socha'e yoo ta'u, waldhabdeen wal fakkaatu uumamee akka ture maddeen ni himu.

''Wayita konkolaatoonni meeshaalee gurguddaa fe'an socha'an ummanni 'ibsa barbaanna' jedhe malee gara walitti bu'iinsa biraatti hingallee,'' jedhu ittigaafamaan nageenyaa kun.

Guyyaa kaleessaattis meeshaan waraanaa socho'e akka hinjirree beekameera.

Karaa gara biraatinis, dargaggoonni magaalota gara biraa keessattuu naannoo Adigiraatiitti walitti qabamaa akka jiran maddeen ni himu.

''Hawaasichis sodaa itti umameef deebii yoo argate, sababiin raayyaan ittisaa maaliif socha'a jechuun gaaffii kaasuuf hinjiraatu,'' jedhu obbo Girmaay.

Raayyaan ittisa biyyaa araaraa Itiiyoo-Eertiraa hordofuun daangaarraa ka'u eegalusaa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Haa ta'u malee, daandiileen wal quunnamsiisan deebii'an cufamu isaanii ilaalchisee motummoonni federaalaas ta'e kan naannoo calsuu isaanitti shakkiin umameera jedhamaa jira.