Wal-dhabdee Siiriyaa: Murteen Siiriyaa keessaa waraana baasuu Tiraampi rifaatuu uume

Looltoonni Ameerikaa Kaaba Siiriyaa naannoo Kurdiish keessa buufatanii jiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Looltoonni Ameerikaa Kaaba Siiriyaa naannoo Kurdiish keessa buufatanii jiru

Murteen siiriyaa keessaa waraana Ameerikaa baasuuf pireezidanti Donaald Tiraamp murteessan akka malee qeeqame.

Tiraamp murtee kana kan murteessan ka'uumsa gareen 'Islamic State' ykn IS jedhamu injifatameera jedhaniiti.

Haa ta'u male, ripabliikaanota dabalatee humnoonni biyyoota addunyaa murteen kun IS deebi'ee akka dandamatu karra bana jechuun yaaddoo isaanii ibsataa jiru.

Loltoonni Ameerikaa kutaalee Kaaba-Baha Siiriyaa harka caalu garee IS jalaa baasanii to'atanillee bakkeewwan tokko tokko ammas haka garee kanaa jiru.

Erga loltoota Ameerikaa Siiriyaa keessaa nan baasa jedhanii waadaa galanii kan bubbulan pireezidant Tiraamp, "injifannoo seena qabeessa" galmeessisaniin booda yeroon loltoota kana gara biya isaaniitti deebisan amma jedhaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Deeggaraa Tiraamp kan ta'an seenaatarri riipabliikan Liindisee Giraaham, murteen kun "dogoggora guddaa kan Obaamaa fakkaatu" jedhan.

Murteen kun Siiriyaa bira taree biyyoota kaan irrattillee "balaa cimaa" fida jedhu senaatar Giraaham.

Mootummaan UK ammoo isa pireezidantichi IS injifatameera jedhanitti walii hin galu jedheera.

"Wanti hojjetamuu qabu hedduutu jira, miidhaa isaan uumuu danda'an dagachuu hin qabnu" jedha ibsi Biiroon Haajaa Alaa biyyattii baase.

Israa'el gama kaaniin Ameerikaan yoom loltoota ishee baasuu akka qabduufi dhiibbaan murteen kun nurraan gahu xiinxalamuu qaba jetteetti.

Yaada biyyoota kanaan addatti dubbi himtuun Ministeera Haajaa Alaa Raashiyaa Maariyaa Zaakaaroovaa murteen Ameerikaa kun "Siiriyaa keessa rakkoon siyaasaa jiru akka furamu" gumaacha guddaa qaba jedhaniiru.

Ministerri Ittisaa Ameerikaa duula IS dhabamsiisuu eegale "gara boqonnaa haaraatti" ceesisaan jira jechuun alatti waan dabalataa hin himne.