Masriin mormii hambisuuf qomeen keelloo akka hin gurguramne dhorkite

Madda suuraa, EPA
Masriin guyyaa yaadannoo fincila bara 2011 gahaa jirutti mormii Firaansitti adeemaa jiruun wal-fakkaatu akka hin taasifamneef gurgurtaa qomee keelloo dhorkitee jirti.
Qomeewwan nageenya eegdotaan uffatamu kunneen dhaaboota ragaa daldala jimilaa qabaniifi poolisiin mirkaneessaniif kan gurguramaa jiru jedhan raabsistoonni.
Qondaaltonni warri abbaa suuqii nama qomee keelloo bituu yaale akka gabaasan gaafatan.
Firaansitti namooti mormii mootummaa agarsiisuufi qomee keelloo kan uffatan.
Jalqabarra ol ka'uu gibira boba'aa mormuun kan ka'e yoo tahu booda kana garuu imaammata diinagdee pireezidant Imaanu'eel Maakroonitti gammadoo akka hin taane ibsachaa jiru.
Torbee afur booda Maarkoon kaffaltii hojiifi gibbira irratti sirreefama taasisaniiru.
Mormitooti Beeljiyeemii fi Nezarlaand keessa jiran uffata kana itti fayyadamaa jiru. Tunisiyaatti immoo warraaqsi 'qomee diimaa' jedhamu jalqabamuu The Independent gabaaseera.

Madda suuraa, AFP/Getty
Sabaa himaan Masrii warraaqsi Firaans keesstti adeemsifamaa jiru biyya isaaniittii akka irra hin deebi'amne akka yaadda'an himeera.
Namni Mohaamad Ramadaan jedhamu nagaa uummataa jeequufi qomee keelloo harkatti argamuun guyyoota 15 hidhamee baheera.
Abbootiin qabeenyaa suuqii qomee keelloo akka hin gurgurreef waadaa seenaniiru.
Dhorkaan kuni hanga dhuma ji'a Amajjiitti ni tura.
Pireezadantiin biyyattii Abduul Fattaah Al-siisiin ''hokkora, shororkeessummaafi mankaraaressummaa'' akka dhaabsisan ji'a Waxabajjii keessa marsaa lammataaf yoo waadaa seenanii dubbatanii turan.
Warri mirga namoomaaf falman garuu pireezidaantichi mormii irratti ka'uu ukkaamsuuf yaalaa jira jedhan.












