Pireezidant Maakroon tajaajila biyyaalessaa deebisanii eegalsiisuufi

Pireezidantii Firaam Imaanu'eel Makroon loltoota gidduun mul'ata.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tajaajilli dirqamaa marsaan duraa baatii tokkoof tura, marsaan lammataa dheeraafi loltummaafi nageenyaan kan wal-qabatudha.

Mootummaan Firaans karoora dirqama tajaajila biyyaalessaa dargaggoota ganna 16 tahani deebisee eegaluuf ta'uu beeeksiseera.

Yaadni kuni yeroo duula pireezidantumma Imaanu'el Maakron kan ka'e yoo tahu dargaggoota Firaans gidduutti miira itti gaafatamummaa, hawaasummaa fi tokkummaa biyyaalessaa uumuufi jedhameera.

Haa ta'u malee yaadichi namoota muraasa hin amansiisne.

Dirqamni hawaasummaa kuni dubartoota fi dhiirota umrii 16 guutan hunda kan ilaallatu yoo tahu gita lamaan hiramee kennama.

Inni jalqabaa fi murtessaan dargaggeeyyiin aadaa hawaasummaa irratti xiyyeefachuun hariiroo uummata wajjin qaban kan guddisuu tajaajila hawaasummaati.

Kunis tolaan barsiisuu fi dhaabota tola ooltummaa waliin hojjechuu dabalataanis poolisii wajjin qophii loltummaa, tajaajila balaa ibiddaafaa leenji'uu taha.

Inni lammataa, dargaggoonni fedha isaaniitiin yoo xiqqaate ''ittisaa fi nageenya'' irratti akka hirmaatan ni jajjabeefamu.

Dargaggoti baayyeen filannoon nuuf kennamuu qaba jechuun yoo falmatan. Namooti haraka 60 ol tahan garuu yaada kanatti waliigaluu isaanii ibsaniiruu.

Heerri Firaans namoota hunda loltummaatti galchuu ni dhorka jechuun namoonni qeeqanis hin dhibne.

Kooriyaan Kaabaa addunyaa irratti biyya tajaajila dirqama loltummaa waggaa 11 dhiiraaf waggaa 7 dubartootaaf kennuun beekamtudha.

Hindiin immoo dirqama tajaajila loltummaa yeroo kolonii Biriteen illee gaafattte kan hin beekne yoo tahu, addunyaarratti raayyaa guddinaan lammaffaa tahes qabdi