Afrikaan Kibbaa akkitti ministirri ishii Ruwaandaatti waamamte dubbii kaase

Aadde Lindiwee Sisuluu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Sisuluun nama mootummaa Ruwaandaa mormuufi ala jiraatan waliin walargan jennaan qeeqaman

Miidiyaan mootummaa Ruwaandaatti hidhata qabu ministira Afrikaa Kibbaa ''sagaagaltuu'' jedhe waame jennaan Afrikaan Kibbaa qondaala Ruwaandaa Piritoriyaa jiru walii isaa gaafatte.

Ministirri Walitti dhufeenya Biyya Alaa Afrikaa Kibbaa Lindiwee Sisuluu, qondaala Ruwaanda olaanaanillee tiwitara irratti qeeqamaniiru.

Haa ta'u malee, Dubbii Himaan isaanii BBC'tti akka himanitti, wanti ta'e kuni ''fudhatama kan hinqabneefi kan dhaabachuu qabudha'' jedhan.

Aadde Sisuluun qondaala duraanii Ruwaandaa pirezidantii biyyatti qeequun beekaman waliin wal argan jennaan dubbiin hammaate.

Ministirri Afrikaa Kibbaa kuni ibsa kennanin akka himanitti hogganaa waraanaa duraanii Ruwaandaa Janaraal Fawustin Kayumbaa Niyaamwasaa ji'a darbe argani dubbisaniiru.

Qondaalli dhaaba siyaasaa mormituu Afrikaa kibbaa keessa hundeessan kuni mootummaa Ruwaandaa waliin marii taa'uuf jechuun isaanii ''na ajaa'ibeera'' jedhaniiru Aadde Lindiween.

Hogganaan waraanaa duraanii kuni Pirezidantii Ruwaandaa Paul Kaagaamee waliin waldhabani jennaan bara 2010 eegale Afrikaa Kibbaa jiraataa jiru.

Mata dureen websaayitii mootummaatti hidhata qabu qondaala Afrikaa Kibbaa kana ''sagaagaltuu'' jedhe waamuu isaa nami mootummaa Afrikaa Kibbaatti dhiheenya qabu BBC'tti himeera.

Boodarra garuu oduu sana kaasaniiru. Qondaalli olaanaa Afrikaa kibbaa Kigaalii jirullee, Joorj Tiwaalaa, mariidhaaf gara Piritooriyaatti waamamaniiru.

Yaalii ajjeechaa

Bara 2014 Afrikaa Kibbaan dhukaasa mana Obbo Niyaamwasaatti ta'en dippilomaatota Ruwaandaa 3 ariitee turte. Ruwaandaan immoo kan Afrikaa kibbaa 6 ariite.

Obbo Niyaamwasaa yoo xiqqaate yaalii ajjeechaa lama miliqan.

Bara 2014 Qondaalli olaanaa Tika Biyyaalessaa Ruwaandaa, Koloneel Paatrik Kaaregeyaa, Johaanisbarg hoteela keessa ajjeefamuun isaanii hariiroo biyyoota lamaanii hammeesseera.