Rakkoo Yuunivarsitii Jigjigaa barattootaaf 'yaaddoo' ta'e

Madda suuraa, JIGJIGA UNIVERSIY
Rakkoon nageenyaa Yuunivarsiitii Jigjigaatti uumame miidhaa waan nurraan gahaa jiruuf barnoota dhiisnee maatii keenyatti deebi'uuf murteessineerra jedhan barattootni Oromoo yuunivarsiitichaa BBC'n dubbise.
Rakkoon kun kan jalqabe torbee lama dura wal-dhabdeen barattoota lama gidduutti uumame babal'achuun akka ta'e barattoonni ni himu.
Pireezidantiin naannoo Somaalee dhufanii barattoota walitti araarsanii debi'anillee haleellaan itti fufuu barataan tokko BBC'tti himeera.
Wal dhabdeen akka haaraatti barattota lama gidduutti Dilbata uumame ammoo rakkinicha hammeessee doormii gadhiisuuf akka dirqaman dubbata.
"Mana fincaaniitti nu reebu, mana nyaataatti seeraan mirgi kenya eegamee hin fayyadamnu, daree barnootaa gallee barachuun rakkisaa ture. Eda halkan [Dilbata] ammoo doormii keenya cabsanii ragaa barnootaa, uffataafi waan qabnu mara nu saaman" jedha barataan kun.
"Doormiin keenya cabee saamamnee waan jirruuf eda halkan [Dilbata] mana nyaata keessa kaartoonii afannee bulle, sanuu poolisiitu nu eegaa bule" jedha barataan biraa yuunivarsiitichaa.
Kanneen baqatanii mooraa gadi dhiisanii bahaan "dawoo taaneefi, ollaas kadhannee of bira bulchine" jechuun jiraataan magaalaa jigjigaa tokko BBC'tti himeera.
Barattoonni kunneen gara maatii keenyaatti deebi'uuf jenna jedhu.
Bulchiinsi Yuunivarsitii Jigjigaa garuu haalli jiru tasgabbaa'eera, ta'us hojiin dabalataa hojjetamuu qabu jira jedha.
"Ka'umsi isaa barattotni lama mana nyaataa keessatti walitti bu'an, itti aansuun barattotni wal qooduun jeequmsi jalqabe" jedhu pirezidantiin yeroo Yuunivarsiitii Jigjigaa Obbo Eeliyaas Umar.
"Yeruma sana bakkichatti mootummaan naannoo, poolisiin Federaalaa fi hoggansi Yuunivarsiitichaa argamuun akka to'atamu goone" jedhu.
Amma haalichi tasgabbaa'uu himanii, xiinsammuu barattoota irratti hojii itti fufinsa qabu hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
"Miidiyaalee hawaasaa irratti wantootni barreeffaman akkuma biyyaattuu dubbi kakaasuun yaaddoo uumaa jirus" jedhu Obbo Eliyaas.

Madda suuraa, JIGJIGA UNIVERSITY
Jalqabuma akka barattotni sodaa malee dhufanii barataniif hojii walitti dhiyeessuu cimaa tahe hojjenneerra kan jedhan Obbo Eliyaas kun garuu ammas yeroo kan gaafatu waan taheef irratti hojjechuu barbaada jedhu.
"Kanaan duras Yuunivarsiitiin Jigjigaa yeroo magaala keessatti rakkoon uumamu iyyuu akka dahootti tajaajilaa ture malee rakkoo hamaa keessummeessee hin beeku. Kan kaleessa uumames baratoota lama irraa kan jalqabedha."
Qabeenya bade jedhameefi doormii cabe adda baasuun akka deebi'uuf ykn bakka buusuuf hojjechuu jalqabnee jirra jedhu.
Bara darbe rakkoo nageenyaa naannicha keessatti uumameen barattonni yuunivarsiitichatti ramadaman gara Yuunivarsitoota naannoo biratti akka ramadaman ta'un isaanii yaadatama.












