Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan ergama dipiloomaasii Somaaliyaatti waggaa 28 booda deebitee eegalte
Walittii dhufeenyi dipiloomaasii jalqabaa Ameerikaan Somaliiyaa waliin qabdu waggaa gara 30f ture.
Ministeerri haajaa Alaa Ameerikaa 'taateen seena qabeessi' kun jijjiirama guddaa biyyootiin baha Afrikaa fidan agarsiisa jedhu.
Ambaasaaddar Doonaald Yamamooto imbaasii Moqaadishoo keessaa ni hoogganu. Kanaan dura imbaasiin kun Nayiroobii, Keeniyaa keessa ture.
Ameerikaan imbaasiishee kan cufte bara 1991 yeroo mootummaafi finciltoota gidduutti lolli tureetti.
"Gochi seena qabeessi kun foyya'iinsa Somaliyaan waggooti darban keessatti agarsiiste ibsa."
"Akkasumas sochii dipiloomaasii Ameerikaan Moqaadishuu keessaatti qabdu ture kan sadarkaa biraatti guddisudha" jechuun dhimma kanarratti dubbii himtuun ministeera haja alaa Heather Nauert dubbateetti.
Al-shabaab ammas sodaachisaa ta'us eegumsi Moqaadishoo keessa jiru foyya'eera.
Hagayya 2011 keessa haleellaa looltoota Gamtaa Afrikaan dursameen Al- Shabaab magaalaa guddiittii keessaa ba'uuf dirqameera.
Ta'uyyuu ammaas nannoo magaalaa guddiitii marsanii argamanitti jabinaan ni mul'ata.