Jijjiirama qilleensaa: ''Addunyaan daandii qaxxaamuraarra jirti''

Deeviid Atteen Braaf.

Madda suuraa, UNFCCC

Jijjiiramni qilleensaa waggoota kumaan lakkaawaman keessatti yaaddoo namoomaa isa hamaadha jedhan quuqamaan uumamaa Deeviid Atteen Braaf.

Gaazexessaa beekamas kan ta'an Seer Daavid Jijjiiramni qilleensaa kun badiisa qaroominaa fi dhumaatii wantoota uumamaan jiraniif sababa jedhaniiru.

Yaa'ii jijjiirama qilleensaa Dhaabbata biyyoota Gamtoomaniin Poolaanditti qophaa'e kana irraatti haasaa'a baniinsaa taasisaniinin kan kan dubbatan.

Yeroo ammaa sadarkaa addunyaatti balaawwaan nam-tolchee hedduun mudachaa jiru. Kun waggoota kumaan lakkaawaman keessatti isa hamaadha Jedhan.

Murteen atattamaan hojiitti hiikamu daran barbaachiisaa ta'uus dhaaman. Quuqamaan uumamaa kun, yaa'ii COP 24 jedhamu kanarratti bakka ''the peopl's seat'' jedhamu qabachuun sagalaee uummata addunyaa ta'uun mugggutaa jiru.

Yaa'ii kana irratti haas'aa baniinsaa kan taasisan barreessaa olaanaan dhaabbata biyyoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez jijjiiramni qilleensaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu ta'eera jedhan

Diinagdee kaarbanii xiqqaa fayyadamu dhugoomsuuf hanga hojjetamuu qabu bira hin geenyes jedhaniiru.

Ogeeyyiin beekamoon afur jijjiirama qilleensaa ittisuurratti hojjetan addunyaan daandii qaxxaamaruurra jirti jechuun akeekkachiisaniiru.

Mariin magaala biyya Poolaand, Kaatowisatti taa'amaa jiru kun marii Paarisitti bara 2015'tti qophaa'een booda isa murteessaadha jedhameera.

Waliigaltee Paarisitti taasifame galmaan gahuuf gaaziiwwan qilleensa faalan haalaan xiqqeessuun barabaachisaadha jedhu ogeeyyiin.

Baankiin Addunyaas waggoota shan dhufan keessatti biyyoota jijjiirama qilleensaarratti hojjetan deeggaruuf jecha doolaara biiliyoonaa 200 ramaduu beeksiseera.

Walgahii alanaa maaltu adda godha?

Mariin taa'amaa jiru kun 'Conference of the Parties (COP)' jedhamun beekama.

Marichi marii ji'a lama dura 'Intergovernmental Panel on Climate Change (IPCC)' jedhamuu fi gaazii samiitti gadhiifamu gara 1.5C haa xiqqeesinu jechuun murtaa'een booda isa jalqabaati.

'IPPC'n galma 1.5C caala qiilleensa naannoo faalu akka hin gadhiisne qabame galmaan gahuuf biyyoonni addunyaa qilleensa naannoo faalu bara 2030tti dhibbeentaa 45'n hanqisuu qabu.

Akka qorannoon agarsiisutti garuu CO2 gadhiifamu waggoota afuriif bakkuma jirutti turee amma haalaan dabalaa jira.

Jijjiirama qilleensaa

Madda suuraa, FABRICE COFFRINI

Kanuma sababeeffachuun aangawoonni olaanoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii duranii afur dilbata darbe ibsa kennaniin dhimmichi furmaata atattamaa fedha jedhaniiru.

''Murteen waggoota laamaan dhufan keessattii hojiitti hiikamu barbaarchiisaadha'' jedhan Pireezidantootni duraanii kun.

Wanta biyyoonnii akka hojjechaa jiran gabaasaniifi akka hojjetan irraa eegamu gidduu garaagarummaa guddaan hin jirus jedhameera.

''Gabaasni IPCC ifatti ho'i kamuu dhiibbaa akka qabu ni kaaha, keessumaa biyyoota hedduu hin guddanne keessatti''jedhu marii jijjiirama qilleensaarratti walitti qabaan mugguttoota biyyoota hiyyeeyyii obbo Gabruu Jambar.

''Ho'a addunyaa 1.5C ol akka hin taane to'achuun kan danda'amu akka ta'e abdiin jira. As Kaatowayisitti kan argamnu galmi sun akka dhugoomu waltaanee hojjechuu qabna.''

Hojiin kun si'oomina kan barbaadu ta'uu isaatin mariyattootni gariin osoo mariin kun ifatti hin eegaliin dhimmicharratti hojjechuu eegalan.

Marii kanarrattii hooggantootni biyyoota addunyaa 29 haasaa baniinsaa marii kanaa ni taasisu jedhameera.

Biyyoota akka Chaayinaa fi Gamtaa Awuroopaaf mariin kun murteesaadha. Wal gargaarsi idil addunyaa bara Pireezidant Traampis kan hojjetu akka ta'e addunyaatti agarsiisuuf itti fayyadamu.