Somaaliilaandi: Biyya jedhamtee osoo beekamtii hin argatiin garee biyyalessaa ijaaraa jirti

Daa'imman daandii magaalaa Hargeessaa irratti taphatan fuulduratti abjuu biyya isaanii bakka bu'anii taphachuu qabu.
Rakkoon isaa garuu biyyi Somaaliilaandi jedhamtu beekamtii qabdu jiraachuu dhabuu isheeti.
Somaaliilaandi waan biyya tokkoof barbaachisu hundaa qabdi. Uummanni ishee paaspoortii ittiin socho'an qabu akkasumas maallaqa mataa isaanii qabu.
Mana Maree Somaaliilaandi keessa alaabaan isaanii dhaabatee mirmirfama. Pirezidaantiin isaanii karaa filanoo nagaa fi dimokiraatawwaa taheen filatamee aangoo qabate.
Waan akka biyyaatti dhabde keessaa tokko sadarkaa FIFAtti garee biyyaalessaa beekamu qabaachuudha.
Haala kana jijjiiruuf jecha dargaggoonni afur biyya dhalootaa isaaniitti akkaadaamii kubba miilaa tokko hundeessuuf hojjechaa jiru.
Alii Mohaammad fi Mohaammad Sayid lamaanuu umuriin 26 magaalaa Birmiinghaam irraa, Abdisalaam Ahimed kan ganna 22 fi Huseen Adan ganna 26 tahe Landan irraa biyya dhaloota isaanii Somaaliilanditti garee kubba miilaa hundeessuuf hojii egalan.
''Dargaggeessi hundinuu carraa kubba taphachuu ni argata jennee yaadna,'' jedhe Kilaboota akka Westi Biroom fi Kaardiif jedhamaniif taphattota barbaachisoo filaa nama ture Aliin.
Arfan isaanii muuxannoo leenjisummaadhaan gara biyya isaanii Somaaliilaanditti haa deebi'aniyyuu malee dirreen, taphattotni, baajatni kanaaf qabame garuu hin jiru.
Asuma irraa ka'uun ijoollee daandii irratti taphatan walitti qabanii irratti hojjechuun guyyaa tokko biyya akka bu'an gochuuf yaadanii murteessan.
FIFA irraa deeggarsa garee biyyaalessaaf barbaachisu argachuu hin danda'an.
Dhalattotni Somaaliilandi kunneen kaffaltii tokko malee kan hojjetan yoo tahu mootummaanis waan isaan hojjetan ilaaluun fuulduratti deeggarsa gochuufii akka danda'u himaniiru.













