Dr Debretsiyoon G/Mikaa'el: 'Tarkaanfiin mootummaa saba tokko qofarratti kan xiyyeeffatedha'

Madda suuraa, Anadolu Agency
Tarkaanfiin mootummaan amma namoota badii raawwatan jedhe irratti fudhachaa jiru saba tokko irratti kan xiyyeeffatedha jedhan pirezidantiin itti-aanaa naannoo Tigiraay Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el.
Ibsa kaleessa kennanin, akka dubbatanitti mootummaan yeroo darbe namoota shororkessummaa fi malaammaltummaan hidhaman hiikee ka'e amma warra kaan hidhuun isaa sirrii miti jedhaniiru.
Waan amma ta'a jiru keessas harki mootummaa biyya alaa jira jechuun dubbataniiru.
''Hojiin seera kabachiisuu eegalame karaa sirriirra deemaa hin jiru. Dhimma dhuunfaarra darbee, gara dhaabaa fi uummataa deemaa jira'' jedhan Dr Dabratsiyoon.
Yakkootni kunniin sadarkaa garaagaraatti raawwatamaa waan turaniif qaamoleen hundi keessatti hirmaatan itti gaafatamuu qabu yaada jedhus kennaniiru.
''Badiin amma himamaa jiru Tigiraay qofaan kan raawwatame miti. Hanga ministira muummee kan deemuudha. Garuu hunda dhiisanii uummata Tigraay irratti xiyyeefataniru.''
Wanti ta'aa jiru badii addaa dhalattoota Tigraay irratti xiyyeeffateedha jedhanii, ''duras hacuuccaa keessaa bahuuf qabsoofne ammas ni qabsoofna'' jedhan.
Yakkoota Sarbama mirga namoomaa fi malaammaltumaa sadarkaa dhaabbilee akka METEC fi nageenya Odeeffannoo fi tikaatti eegale dhaabbilee hunda keessatti itti fufuu akka qabus gaafataniiru.
Adeemsi Olaantummaa seeraa kabachiisuu tapha siyaasaaf oolfamuu hin qabus jedhan Dr Debretsiyon.
Namoonni maal jedhu?
Barsiisaan saayinsii siyaasaa yuunivarsiitii Maqalee Obbo Yemaanee Zaaraay yaadi Dr Debretsiyoon sirriidha jedhu.
''Raayyaa Ittisa biyyaa keessa hedduu hin odeeffamne malee tarkaanfii wal fakkaataa saba tokko irratti xiyyeefatetu jira. Itti aansuun METEC, achii immoo hawaasa daldala irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira" jedhu.
"Finfinneetti, Adaamaatti, Dirree Dhawaatti tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran gaafa ilaaltu baay'inaan saba tokko irratti akka xiyyeeffate agarsiisa."
"Hidhamuu isaaniis miti, waa'ee nama dhuunfaas miti, garuu haala dhimmichi itti dhufetu nama jibbisiisa."
"Erga hidhamaniis haalli dhimmichi miidiyaalee irratti dhiyaate seera cabseera, haalli kun ammoo akka saba tokko qofaa irratti xiyyeeffate agarsiisa'' jedhan.
Dabalataan dhiibbaan biyyoota alaa keessa jira kan jechisiisus, Tigiraay irratti sochiileen xiyyeeffatan jiraachuu isaaniifi mootummaan federaalaa sochiiwwan naannoo daangaa naannoole irratti uumame gidduu galuu dhiisuun callisuu isaati jedhan.
Gama biraan ammoo abbaan alangaa ol'aanaa duraanii Komishinii Naamusaa fi Farra Malaamaltummaa Federaalaa Obbo Yohaannis W/Gabri'el garuu yaada Obbo Yemaanees tahe Dr Debretsiyoon ni mormu
Obbo Yohaannis akka jedhanitti, kun calaqqee sirna federaalizimii saba irratti hundaa'e biyyittiin hordoftuuti.
Sirna federaalizimii saba irratti hundaa'e keessatti sirni haqaas ilaalchuma kanaan adeema jedhan.
''Fakkeenyaaf yeroo Siyyee Abrahaa fa'a himataman qaamni ijoo aangoo irra ture Tigiraay irraa waan dhufeef akkas hin jedhamne ture. Sababni isaa qaamni ijoo aangoo irra ture isaan himatees tokkuma waan ta'eefi."
"Amma garuu qaamni sun aangoo irraa ka'ee waan himatameef gaaffiin akkasii ka'uunsaa ana hin ajaa'ibne'' jechuun dubbatan.
Ministirri muummee dhiyeenya kana ibsa kennaniin tarkaanfiin malaammaltoota irratti fudhatamu sichi itti fufa hin dhaabbanne jedhaniiru.














