Biyyoota Arabaa sadii lammiileen Itoophiyaa dhaqanii hojjechuu danda'an

Biyyoonni hojjettonni manaa Itoophiyaa karaa seera hordofeen qaxaramanii itti hojjechuu danda'an sadii qofaa akka ta'an himame.

Biyyoonni sadeen kunniinis mootummaa waliin waliigaltee qabu jedhameera.

Odeeffannoo BBC'n argaten biyyoonni sadeen kuni Saa'udii Arabiyaa, Qataar fi Jordaan qofa waliin waligaltee waliini mallattaa'u isaa Ministirri Muummee Itti-aanaa Dammaqa Mokonniin xalayaa barreessanin beeksisaniiru.

Biyyoota Baha Giddugaleessaa eeraman alatti karaa adda addaan hojiif imaluun seeraan ala akka ta'eefi qaamoleen mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu hordoffii taasisuun akka tarkaanfii fudhatan ibsameera.

Xalayaan Ministirri Muummee Itti-aanaa barreessan irratti poolisiin federaalaa, Odeeffannoon Biyyaalessaa fi Tajaajilli Tikaa, Abbaataayitaa Sivil Aviyeeshiniifi Daandiin Qilleensa Itoophiyaa to'annoo akka taasisan hubachisa.

Xalayaan kuni Ministeera Dhimma Alaafi Ministeera Dhimma Hawaasummaatti galagalcha ta'eera.

Biyyoota waliigaltee waliini mootummaan waliin hintaasisne waliin hojjettonni akka hin ergamne dhaabbileen kuni akka hordofan itti-gaafatamummaan kennameeraaf.

Labsiin hojjettoota biyya alaa haaraa bahe hojjettoonni kan isaan adeemani hojjechuu danda'an Itoophiyaafi biyya Itophiyaa waliin waligaltee raawwate qofaa waliin akka ta'e kaa'a.

Sababa kanaanis, biyyoota Arabaa Baha Giddugaleessaatti lammiileen dhaqani akka hin hojjenne dhorku Fulbaana 30, bara 2011 ka'un isaa ni yaadatama.

Lammiileen garuu biyyoota waligalteen waliini itit hin taasifamne kan akka Kuweet, Baahireen, Biyyoota Arabaa Gamtoomanii, akkasumas Libanoosiitti daawwannaa, daldalaafi gosa Vizaa garaagaraan biyyaa baha akka jiran ibsameera.

Xalayaan barraa'e lammiileen karaa seeraan alaa dhaquun mirgi isaanii dhiibamaa, kaffaltii malee hojjechuu, gidiraa fi du'aaf akka saaxilamaa jiran eera.

Haaluma kanaanis, namoonniifi eejansiiwwan dhimma kana keessaa harka qaban akka qusatan Ministirri Muummee Itti-aanaa Dammaqa Mokonnin xalayaa isaaniin hubachiisaniiru.

Waggaa afur dura mootummaan Sa'uudii lammiilee kuma 150 oli eeyyama jireenyaafi hojii hinqabne ari'uu isaa hordofee mootummaan imala hojii Baha Giddugaleessaa dhorkee ture.

Labsiin bobbii hojii bara 923/2008 biyya alaatti dhaqanii hojjechuuf wantoota guutamu malu taa'eera.

Haaluma kanaanis, hojjettoonni yoo xiqqaate kutaa saddeet kan xumuran, raga hojii hojjechuuf deemanif leenjii giddugala teknikaa fi ogummaa irraa waraqaa raga qabaachuu isaaniifi akkasumas waligalteen hojii Ministeera Dhimmoota Hawaasummaa jiraachuut

Kanaan ala bobbin hojii taasifamu seeraan ala ta'u labsiin suni lafa kaa'a.